TPLF humnoota Ertiraa waliin wal-waraanuu ibse
(SQ-Caamsaa 31,2022)
Humnooti TPLF guyyoota lamaan darbanitti humnoota biyya ollaa Eritiraa waliin waraana adeemsisuu qondaalli olaanaa TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa ibsan.
Obbo Geetaachoon fuula Tiwiitar isaanii irratti Caamsaa 22/2014 A.L.I Wiixata gara galgalaa akka ibsanitti Sanbattan darbe jechuunis Caamsaa 20 fi 21, 2014 A.L.I waraanni Eritiraa Shiraarotti humnoota Tigraay irratti haleellaa banee ture.
Dubbii-himaan mootummaa federaalaa Dr Laggasa Tulluu himannaa Obbo Geetaachoo kana ilaalchisee akka himanitti ”TPLF ofii qoccollaa raawwatee,” himannaa dhageessisaa jiraachuu akka danda’u himan.
Obbo Geetaachoon Tiwiitarii isaanii irratti wal-waraansa Sanbataafi Dilbata mudateen guyyaa afur dura, gaafa Caamsaa, 16, 2014 A.L.I kutaan waraanaa Ertiraa 57ffaa fi 21ffaa naannoo Tigraayi irratti haleellaa raawwatee akka tureefi naannoo Addi-awaalaa jedhamutti humnoonni TPLF haleellaa kana akka ofirraa qolatan ibsaniiru.
Waraana humnoonni TPLF haleellaa ofirraa qolannaa raawwatan jedhaniin, loltoonni Ertiraa lakkoofsaan eeruun ajjeefamuu, madaa’uu fi meeshaan waraanaa ‘baayyeen’ booji’amuus himaniiru.
Dubbii-himaan mootummaa federaalaa, Dr Laggasa Tulluu deebii kennaniin, akka jedhametti yeroo ammaa, ”karaa Ertiraa waraanni banameera amantii jedhu hin qabnu,” jechuun waan dhalate yoo jiraates qulqulleefatanii odeeffannoo akka kennan himan.
Dr Laggasa dabaluunis humnoonni TPLF waraanaaf qophaa’aa jiraachuu isaanii eeruun, ”kanaaf akka isaaniitti toluuf humnoota Ertiraa irratti qoccollaa raawwatanii kara Ertiraa deebiin kennameefii tahuu mala,” jechuun tilmaama isaanii ibsaniiru.
Obbo Geetaachoon tiwiitarii isaaniirratti humnoonni Eertiraa ”naannawa kana gara waraana dhaabsisuun ulfaatuutti geeddaruuf,” jechuun wayita himatan, ”kunis adeemsa nagaa buusuuf taasifamu akkaan kan gufachiisuudha,” jedhan.
Gama Eertiraan himata irratti dhiyaate kanarratti hanga oduu kana qindeessinetti deebiin kenname hin jiru, dabalataan waraanni banameera dhimma jedhurratti qama wallaba ta’erraa qulqulleeffachuun hin danda’amne.
Bitootessa darbe mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaaf haala mijeesuuf jecha waraana dhaabuuf murteessuu hordofee tarkaanfii walfakkaataa warri TPLF fudhatan booda waraanni haga tokko dhaabbatee ture.
Haata’u malee ji’a Eblaa irraa eegalee daangaa Eertiraa fi Itoophiyaarratti haleellaan jiraachuun himamaa ture.
Maddi BBC