Hoggantootni fi Qondaaltotni ABO waggoota 4 oliif yakka tokko malee erga dararamaa turanii dhiyyeenya mana hidhaa irraa lakkifaman dhiyyeenya miseensotaan wal argan.
Ummatni Oromoo roorroo fi cunqursaa haala ammaan tana irratti raawwatamaa jiru of irraa qolachuuf; bilisummaa Sabaa fi walabummaa biyyaa dhabuu irraa kan ka’e cunqursi siyaasaa, saaminsi dinagdee, xiqqeenyi aadaa hawaasaa fi hacuuccaan Sabaa seenaa kolonii keessatti hiriyaa hin qabne waan isa mudateef dhaaba ABO hundeeffachuun hanga har’aatti Jireenya Sabummaa isaa badii irraa oolchee bilisummaa isaa fi walabummaa biyya isaa deebifachuuf ummatni keenya tumsa humnootii koloniyaalizmii, impeeriyaalizmii, fuudaalizmii fi booddeetti harkistoota keessaa fi alaa mara dura dhaabbachuudhaan seenaa gootummaa galmeessaa jiruun qabsoo isaa bakka amma gahe gahatus Bilisummaan isaa sarbamee mirgi uumamaan qabu irraa mulqamee ammallee hidhaa,ajjeechaa fi sarbamni mirga namoomaa irratti adeemaa jira.
Ummatni Oromoo erga humnoota koloneeffattootaa jalatti kufee jalqabee qabsoon kallattii fi alkallattiin Oromiyaa mara keesssatti odoo addaan hin citin deemaa waan tureef, qabsoon kun babal’achaa dhufuun isaa, keessattuu bara chaarteraa booda, murannoo ummatni keenya akeeka isaa beeksifachuu fi bakkaan gahachuuf qabu waan mul’iseef bara 2018 jijjiiramni guddaan dhufus baatiiwwan jaha booda qabsoon Ummatni warregamaan argate namoota faayidaa dhuunfaan gara darbuun warreen kaleessa TPLf jala deemee isa ajjeesaa,Hidhaa fi Saamaa ture harkatti kufuun kun bu’aa-bahii fi dhiibbaa duraan ture irraa bifa “Garbummaa Bilisummaa fakkaatuun” har’as qabsoon Oromoo hubamuu fi jaarmaya waaltawaa isa masaku jala hiriiruu dhabuudhaan faffaca’iinsi amma jiru isa quunnamee jira.
Hir’ina kana guuttachuudhaaf qabsoo ummataa kan haqaa itti fufanii, akeeka isaa kan bilisummaa Sabaa fi walabummaa Oromiyaa dhaqqabuuf, qabsoo qabsaa’otni Oromoo keessattuu Hoggantootnii fi qondaaltotni Siyaasaa ABO kan ummata bal’aa hirmaachise, jaarmaya Saba Oromoo kan dhugaa namoota akeeka kanaaf of kennan dammaqsuu, ijaaruu fi hoogganuun waan feesisuuf dhiibbaa bifa kamiin isaan irratti qaqqabu dandamatanii ammas qabsoo saba bal’aa galma gahumsa isaaf Ummaticha waliin wareegama kam illee fudhatanii hojjechuutti argamu.
ABOn dhaaba hoggana akkasii argamsiisuudhaan qabsoo Ummata Oromoo haala Impaayera Itiyoophiyaa keessatti tahaa jiru bifa siyaasaa walitti qindeessee akeeka kana mirkaneessuuf bu’ura dalagaa qabsoo kan siyaasaa fi dippilomaasii Ummata isaa keessa taa’ee Ummata isaa waliin gaggeessaa jira.
Bilisummaa ummata keenyaa fi walabummaa Oromiyaa argamsiisuun qabsoo dippoomaasii fi siyaasaa finiinsuu qofaan ta’uu hubachuudhaan mootummaa Ummataa Ummataan filamee ummataaf hojjetu filannoo haqa qabeessi akka jiraatuuf dimokiraasii dhugaan akka diriiruuf ummata isaa keessa taa’ee ummata isaa waliin hoggantootni fi qondaaltota Siyaasaa dhaabichaa dabalatee miseensotni fi deeggartootni ABO wareegama kaffalaa jiru.
Qabsoon ummata keenyaa kan haqaa, hoggana ABOtiin milkii gaarii waan argateef fi ummatni keenyas hooggana isaa jalatti hiriiruudhaan murannoo guddaa fi Sochii siyaasa keessatti qabu ifatti waan mul’iseef dhaaba isaa(ABO) akeeka eebbifamaa, ulfaataa fi seena qabeessa ofitti fudhatee kana bakkaan gahuuf jecha wareegama qaqqaalii fi ulfaataa baaseen ummata Oromoo biratti ABOn kallachaa fi hooggana qabsoo bilisummaa Oromoo tahuudhaan jaalalaa fi deggersa akkaan guddaa waan horatee fi ummatni keenyas abdii guddaa waan irra kaayateef har’as akkuma kaleessaa Hoggantoota hanga deeggaraatti akeekaa fi kaayyoo ABO ofitti fudhatanii cichoominaan wareegamanii qabsicha akka galma gahuuf har’as qabsoon hadhaawaan karaa nagaa gaggeeffamu wareegama ulfaataa waliin itti fufee jira.
Hoggantootni fi Qondaaltotni ABO mana hidhaa irraa bahanis tahe kanneen ammallee hidhaa jiran Hadhaa qabsoon qabdu hunda dhamdhamaa damdamatanii Bilisummaa dhugaa Oromiyaaf haala mijataa fi hin mijanne keessatti qabsoo Sabaa tti jiru.
Hoggantootni fi Qondaaltotni ABO tibbana mana hidhaa irraa bahanis miseensota Dhaabichaa waliin wayita wal arganitti akeekaa fi kaayyoo ABO jalatti ummata keenyaaf gaaffii mirgaa fi cunqursaa bifa kamiinuu adeemaa jiru dhaabsisuuf ni qabsoofna jedhaniiru.