Hiriira Deeggarsaa Sinoodosii Qulqulluu Oromiyaafi Sabaaf Sablammoota Itoophiyaa Gurandhala 05, 2015 ALItti qabamerratti qophiileen hedduun taasifamaa jira.
Hiriirri kunis dhaadannoo armaan gatiitin gaggeeffama
“Wangeela Afaan Hundaan”
“Afaan Keenyaan Wangeela akka hin baranne eenyuyyuu nu dhorkuu hin danda’u”
“Abbootiin keenya eegduu keenya, Eegduu Mana Kiristaanati”
“Manni Kiristaanaa Mandhee Siyaasaa tahuu hin qabdu”
“Ergamni duukabu’ummaa kan itti fufu Muudama Abbootitiini”
“Sabni qofatti Phaaphaasii akka tahuuf muudame hin jiru”
“Waaqayyo fuulduratti afaan hunduu walqixa”
“Warreen Manni Kiristaanaa Afaan tokko, Aadaa tokko jedhan warra Wangeela ganeedha”
“Oromoof, Sabaaf Sablammiif Daaqonii qofti gahaa miti. Paatiraarikii tahuurraa wanti dhorku hin jiru”
“Mana Kiristaanaa keenyarraa harka keessan kaasaa”
kan jedhuufi dhaadannoo nagaafi Kiristaanummaa ibsu kamuu qabachuun bahuun ni dandahama.
Jabaan Waaqa!