Hojjettootni qaama nageenyaa buufata Xiyyaara Boolee namoota Biyya gara ๐จ๐ฆ Kanaadaa Daawwanaaf imalaa turan irraa Doolaara USA ๐บ๐ธ 8000$ Saaman.
Namootni dolaara 8000 saamaman Abbaa fi ilma yoo tahan dawwannaaf gara Kanaadaa deemuuf osoo jiraniis buufata xiyyaaraa Booleetti humnoota sakattaโumsa gaggeessaniin akka saamaman beekameera.
Obbo #Indaalkaachoo Abbaabaa Simaa fi ilma isaanii #Eebbaa Indaalkaachoo Abbabaa kanneen jedhaman guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 31/2024 daawwanaaf gara kaanaadaa osoo deemaa jiranuu Dirree Xayaaraa Booleetti USD 8000 ( kuma sadeet) karaan seeraan Baankii Daldala Itoophiyaa fi Daashan irraa sharafatan hojjettoota qaama Nageenyaa Dirree xiyyaaraan saamamanii jiru.
Akka seera biyya kamiinuu keessatti beekamu namin tokko gara biyya itti adeemuutti Doolaara Callaa hanga 9,999 ykn kuma 10000 gadi qabatee galuu kan danda’u ta’uun beekamee osoo jiruu Itiyoophiyaa keessatti garuu osoo nagayee karaa seeraan sharafatan of harkaa qabanii qaamni Nageenyaa Dirree Xiyyaaraa Boolee guyyaa kaleessaa saamicha gaggeessee jira.
Hojjettootni Dirree Xiyyaaraa Boolee yeroo adda addaatti imaltoota irratti saamicha gaggeessuun kan himataman tahuus suur sagaleen yeroo adda addaa bahaa turee fi namootni komii isaanii dhiyyeessachaa turanis deebiin hin argamne ykn falli hin kaayamiin jiraachuun harโas imaltoota irratti saamichi gaggeeffamaa jira