Aanaa Amboo ganda Galaan Waddeessaatti waraanni Bilxiginnaa Dargaggoota sadii ajjeesse.
(SQ-Adoolessa 29,2022)
Adoolessa 26,2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo ganda Waddeessaa keessa waraanni faashistii Bilxiginnaa Dargaggoota Sadii Shaamballii Shuumii, Araarsaa Diimaa fi Waaqumaa Hirphasaa jedhaman qabun ganduma sana bakka Tulluu Magaalloo jedhamutti irratti ajjeessuu maddeen himan.
Waraanni Bilxiginnaa dargaggoota kanneen erga ajjeesse booda reeffa maatii dhorkchuun kadhaa heddu booda gaafa Roobii Jechuun Adoolessa 27,2022 reeffa maatiif kennuun sirna awwaalcha isaanii irratti ammoo dhirri akka hin argamne dhorkun dubartoota qofatu awwaale jedhu.
Guyyaa sana booda ijoollee dhiiraa umrii 15 olii daandii irratti akkan hin agarre jechuun akeekkachiisan jedhu maddeen . Sababa kanaan maatii hedduun ganda Galaan Waddeessaa kana irraa buqqa’ee magaalaa fi bakkeetti faca’ee rakkachaa jiraachuu odeeffanne.