Mootummaan Bilxginnaa Waraana Ertiraa Kuma 10 ol Oromiyaatti bobbaasaa jiraachuun dhagaa’ame.
(SQ-Ebla 11,2022)
Mootummaan Bilxginnaa yeroo garaa garaatti Maqaa shanee balleessina jedhuun loltoota alagaa Oromiyaatti babbaasuun naasuu tokko malee uummata Oromoo ajjeesisaa turuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Tibba kana Ammoo maqaa oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Mootummaan Bilxiginnaa lola Oromiyaa irratti labseen Faannoo Amaaraa fi Humna addaa Somaalee waliin ta’uun uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii geggeessaa jiraachuus gabaasa turreerra.l.
Haaluma kanaan Eebila 11,2022 guyyaa har’aa ammoo waraanni Ertiraa kuma 10 ol ta’an karaa Affaar, Afdeeraa irraan Daangaa Oromiyaa seenuun Waraana Bilisummaa Oromoo Shawaa Bahaa,Booranaa, Gujii fi Walloo Haleella maqaa jedhuun deemaa jiraachuu keessa beektonni himan.
Yeroo oduu kana qindeessa jirrutti Waraanni Ertiraa kun naannoo Fantaallee yeroo ga’aanitti naannoo kana sodaa nageenyatu jira jechuun Humni Qilleensaa Bilxiginnaa naannoo fantaalleetti haleellaa xiyyaaraa MIG 29 rawwaacha jiru jedhu maddeen keenya.
Haleella Qilleensaarra kanaan qabeenya uummataa fi uummata irra miidha ga’aa jiraachuu kan nuuf himan maddeen keenya hanga oduu kana qindeessinetti miidhaa qaqqabee adda hin bane.
Akka maddeen nuuf himanitti haalli naannoo sanaa hedduu ulfaataa ta’uu ibsuun uummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa sagalee nuuf ta’an dhaamsa isaaniiti
Waraanni Ertiraa amma duraas Oromiyaatti bobba’uun uummataa Oromoo dararaa turun niyaadatama!