Kaanaadaan Ashuuraa (Qaraxa) oomisha Ameerikaa irratti doolaara biiliyoona 100 tahu taarifa kaa’uu akka dandeessu akeekkachiiste.
Doonaald Tiraamp taarifa daldalaa dhibbeentaa 25 Kanaadaa irratti fe’uuf karoorfachuun isaanii gabaafamuu hordofee Kanaadaan akkas jette.
Guyyoota lama booda Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uun aangoo kan qabaatan Doonaald Tiraamp meeshaalee Kaanaadaa irraa galfaman irratti taarifa akka kaa’an akeekanii turan.
Doonaald Tiraamp Kanaadaa irratti taarifa kaa’aa kan jiru, godaantotni seeraan alaa fi qoricha balaafamaa gara Ameerikaatti seenu to’achuu waan hin taasifneef jedheera .
Traamp akkasumas, Kanaadaan taarifa dhibbeentaa 25 oomisha ishee gara Ameerikaatti galfamu irratti fe’aa jirru yoo kaffaluu dadhabde, kutaa biyyaa Ameerikaa 51ffaa ta’uu qabdi jedhan.
Yaadni Doonaald Tiraamp kun tasgabbii dhabuu siyaasa Kaanaadaa irratti dabalee muummichi ministeeraa Jastiin Tiruudoo aangoo gadhiisuuf sababa ta’eera.
Akka Rooyitars gabaasetti Kaanaadaan meeshaalee Ameerikaa irraa galfaman doolaara biiliyoona 100 ta’an irratti taarifa kaa’uuf jirti.
Lakkoofsi godaantota karaa Kanaadaa gara Ameerikaa seenanii kanneen karaa Meksikoo seenan irraa xiqqaa ta’u eeruun Gabaasni rooyitars Sababa kanaaf, bulchiinsi Doonaald Tiraamp akkuma godhetti oomisha Kaanaadaa irratti taarifa kaa’uu akka hin dandeenyes gabaasichi ni ibsa.
Jeequmsa siyaasaa keessa kan jirtu Kaanaadaan ji’a lama booda muummicha ministeeraa yeroo filatu jedhamee eegama.
Muummichi ministeeraa Tiruudoo aangoo gadhiisuu isaanii kan beeksisan yoo ta’u, hanga Amajjii dhufutti aangoo isaaniirra akka turan beeksisaniiru.