Booranatti hongeedhaan walqabatee lakkoofsi namoota garaa kaasaan qabamanii dabalaa jira’

Booranatti hongeedhaan walqabatee lakkoofsi namoota garaa kaasaan qabamanii dabalaa jira’

(SQ-Gurraandhala 22,2022)

Hongeen Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti yeroo waggaa tokkotti dhihaachaa jiruuf tureen beelladoonni hedduun du’anii namoonnis hanqina nyaataafi bishaaniitiif saaxilamuun gabaafamee ture.

Godinoota akka Booranaa keessatti ammoo Bineensota Bosonaa Paarkii keessa jiran osoo hin hafne hanqina nyaataa fi bishaanitiin lubbuu dhabaa jiru.

Odeeffannoo tibbana dhagahamaa jiruun ammoo sababiidhuma hongee mudate kanaatiin walqabatee namoota rakkoo fayyinaa mudataa jira.

Akka Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa jedhutti, torbeewwan sadan darbanii asitti Godina Booranaa keessatti sababa hongeen dheeratee fi bishaan qulqullina hin qabneetiin namoonni garaa kaasaa dhiigaan makeen qabaman dabalaa dhufeera.

Rakkoon akkanaa kun ammoo aanaalee akka Dirree, Miyoo, Taltallee, Diilloo, Areeroo fa’a keessatti mul’ate.

Hogganaan Itti aanaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Obbo Abarraaa Botoree babal’inni dhibee kanaa sababa qulqullina bishaaniitiin kan dhufee jedhu.

“Gabaasa yeroo yeroodhaan fudhannuun lakkoofsi namoota garaa kaasaa dhiiga makateen qabaman torbeewwan sadii asitti dabalaa jira. Dhukkubni kun hamma duriitirraa dabale jechuudha malee akka weeraraatti kan ka’e miti,” jedhan.

Sababni ijoon rakkoon kun akka uumamu godhe ammoo namoonni bishaan qulqullina hin qabne waan dhuganiif jedhu.

Iddoowwan hedduutti bishaan dhugaaatii Bootteedhaan dhihaataa jiraatus bishaan dhihaatu kana qulqulleessuuf hanqinni keemikaalaa akka mudates himan.

“Bishaan Bootteedhaan dhihaachaa jira. Bishaan kana qulqulleessuuf ammoo akka naannootti hanqinni keemikaala bishaan qulqulleessuu numuudateera. Dhaabbilee miti mootummaa waliin ta’uudhaan hanqina dhiheessii keemikaalaa kana furuuf bittaan taasifamuuf aadeemsarra jira,” jedhan.

Iddoowwan sababa hanqina roobaatiin hongeen mudateen booda dhibeewwan akka garaa kaasaa muudachuu akka danda’u dursamee waan bekamuuf lubbuu namaarra miidhaan akka hin geenyeef mootummaan hojjechaa jiras jedhan Obbo Abarraa.

Gama biraatiin ammoo rakkoon hanqina nyaataa daa’immanii fi namoota jajjaboo akka miidhaa jirus jiraattotarraa odeeffanneerra.

Hospitaala Yaabeellootti qofa daa’imman sababa hanqina nyaataatiin miidhaman 35 tahan yaala argachaa akka jiran Hogganaan Hospitaalichaa Areeroo Bikichaa BBC’tti himaniiru.

Gama dhukkubsattoota garaa kaasaatiin garuu baayyeen isaanii aanaaleetti sadarkaa buufata fayyaatti yaala argachaa akka jiran odeeffannoo akka qabaniifi sababa kanaan garuu namni Hospitaala isaanii kan ciisee jiru akka hin jirres dubbatan.

Hanqina roobaa fi hongee Baha Afrikaatti mudateen Itoophiyaa dabalatee biyyoota Ollaa akka Somaaliyaa fi Keeniyaa Keessattis beelladoonni miliyoonaan lakaa’aman akka miidhe gabaasaaleen kanaan walqabatanii bahan ni mul’isu.

Maddi BBC Afaan Oromoo!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *