(SQ-Gurraandhala 22/2022)
Godina Gujii Lixaa Aanaa Malkaa Sooddaa jedhamutti Waraanni Bilxiginnaa Barataa kuta 12ffaa Biiqqaa Bariisoo jedhamu magaaluma keessatti qabuun waraqaa eenyummaa yoo gaafatu Biiqqoonis Waraqaa eenyummaa kan mana barnootaa malee kan Gandaa akka baatee hin jirre gaafa itti himu, ati Shaneedha jechuun fuudhanii erga kaampii ykn mooraa waraanaa geessan booda ajjeesanii allayyaatti gatuu maddeen keenya nuuf himan.
Akka maddeen SQ jedhanitti Biiqqoon nama siyaasa tokko keessaa qooda hin qabne yoo ta’u Hawaasaa fi mana barnoota baratutti jaallatamummaa guddaa nama qabudha jedhu.
Ajjeefamuu Barataa Biiqqaa Bariisoo kan dallanan jiraattonni malkaa sooddaa mormii kaasun dhaadannowwan kanneen akka PP,n diina Oromooti, Ajjeechaan Oromiyaa hunda keessatti raawwachaa jiru nurraa haa dhaabbatu, Qondaalanni ABO nuuf haa hiikaman, Waraanni Bilisummaa Oromoo Gaachana keenya kan jedhuufi kkf dhaggeessisaa turuu odeeffanneera.
Duulli duguuggaa sanyii waraana Bilxiginnaatiin uummata Oromoo irratti raawwatama jiru jabaatee itti fufeera.