Karrayyuutti Miseensota jila Gadaa Karrayyuu fi jaarsoliin Biyyaa WBO galchuu diddan jedhamuun achi buuteen isaanii dhabame.
Miseensota jila Gadaa karrayyuu dhiyeenya sirna buttaa qaluu raawwataniifi jaarsolee biyyaa dabalatee namoonni kurnaan lakkaa’aman torban lama dura hidhamuun bakki jiran hanga yoonaa akka hin beekamne maatii fi jiraattoonni BBC’tti himan.
Haata’u malee bulchaan aana Fantaaleefi Itti gaafatamaan bulchiinsaa fi nageenyaa aannichaa namni haala jedhame kanaan hidhame tokkoollee akka hin jirree waakkachuun BBCtti hima.
Namani miseensi maatiin isaanii lama jalaa butameefi nageenysaatiif jecha maqaan akka hin dhahamne gaafate tokko akka jedhanitti, Amajjii 6, 2025 bulchiinsi aanaa walga’iif akka isaan barbaade beeksisuun, jiraattoota gara Aanaa Fantaalletti akka waamee fi bakka namoonni walitti qabamanii humnoota nageenyaan fudhatamuu odeeffachuu hime.
Namoota walitti qabaman keessa tokko gara maatiitti bilbiluun, “jaarsolee biyyaafi abbootii gadaa qofaatti adda nu baasanii eessa akka nuun dhaqan hin beeknu” jedhee odeeffannoo maatiif kenne ture jedhan.
Namoota guyyaa san adda ba’an keessas walakkaan yoo gadi dhiifaman, walakkaasaa garuu eessatti akka geeffaman maatiin bulchiinsa gaafannaan “deebii walgahiif gara Loodgii Benuunaa kan dhihenya haroo Basaqaarratti (Beynouna Village) geeffaman” jedhu deebii argachuufi erga torban lamaa eessa akka jiran kan hin beekne ta’uu himan.
Namoota ergasii buufata poolisii Aaanaa Fantaalleetti hidhamanii gadidhiifaman malee, namoonni lakkofsaan ”hanga 20 ta’an eessa akka geeffaman,” kan hin beekne ta’uu ta’uu miseensi maatii kun BBC’tti kan himan.
Jaarsolee biyyaa fi namoota bakki geeffaman dhabaman keessaa maatiinsaa kan umurii waggaa 57 fi 46 ta’an akka keessatti argamanii fi siyaasa keessattillee hirmaannaa omaatu kan hin qabne ta’uu himeera.
“Ani akkan odeeffannoo qabutti jaarrolee kanaan waraana bosona jiru galchaa jechuun gaafachaa turan. Waraannilee gaaffii manguddoo kana hin fudhannee isaanillee omaa gochuu hin dandeenye, kanumaaf hidhuu hin oolle,” jedhan.
”Bakka isaan jiran nutti himaa jennee gaafannee dadhabne, bakka jiranis deemnee dubbisuu hin dandeenye akkuma abbootii gadaa kana dura ajjeefamuu laata jennee yaaddoo guddaa qabna.”
Abbootiin gadaa baatii tokko dura sirna buttaa qaluu raawwatan Roobaa Jiloo Jeenboo fi Haldaggoo Fantaallee dabalatee, jaarsoliin biyyaa maqaan isaanii Gurroo Roobaa Hanbuu, Abbabaa Abbulloo, Hawee Jiloo fi Arroollee Bulaa kanneen bakki jiran dhabeme keessa akka ta’e jirattoonni Aanaa Fantaallee kan BBC’tti himan.
Jiraataan aanichaa dhimma kana quba qabu kan biraa hidhattoonni mootummaan Abbootii Gadaa Karrayyuutti deddebi’uun jiraattota kan mufachiise akka ta’e himee, rakkoo nageenyaa fi kirkira lafaa naannoo sana jiruuf hawwasni miidhaaf saaxilamuu dubbate.
”Maatiin heddun buqqa’anii gargaarsa eeggataa jiru kanuma keessammoo waraana galchaa jedhanii nama hidhu. Hawaasni karrayyuu waggotaaf rakkoo nageenyaan rakkataa ture ammallee kun dhaabachuu dadhabuun hawaasa beelaaf gidiraaf saaxila jira,” jedhu jiraatan aanichaa kun.
Namoonni amma bakki geeffaman wallaalame muraasni kanneen yeroo abbootiin gadaa bara 2021 jumlaan ajjeefaman keessa hafan akka ta’an hiiman.
“Tibba kana rakkoon nageenyaa Aanicha keessatti waan uumameef, isin jila keessan akkamiin nagaan kabajjan, wal quba qabdu malee jedhanii manguddota kana hidhan jedhe.”
Sirni baalli walitti dabarsuu Abbootii Gadaa Karrayyuu baatii tokko dura nagaan gaggeefamee ture.
Hawaasni Karrayyuu sochiin waraanaa naannawa isaa dhaabatee jireenya isaa nagaan gaggeeffachuun hawwii isaa ta’ullee dirqama mootummaan waraana galchaa jedhee itti kenne kana raawwachuu dadhabuu isaaniif miidhaan irratti raawatamuun sirri akka hin tanellee dubbatu miseensoonni maatii kunneen.
“Sababa dhabamuu nageenyaan manneen barnoota erga cufamanii waggaa afur ta’eera. Hojiwaan biroos akkasuma, amma roobni waan hin jirreef beellillee jira. Kun baayyee waan nu miidheef nagaan akka bu’uuf fedhii guddaa qabna.”
Manguddoota kanneen boodas ganda gandattillee namoota biroo qabanii hidhuun akka turee fi maatiin ijoolleen isaanii waraana Bilisummaa Oromoo keessatti hirmatan jedhaman ammallee hidhaa akka jiran jiraataan kun kan hime.
Oromiyaa eddoowwan garaa garaatti maatii ijoolleen isaanii bosona galan jedhaman fidaa jedhamuun hidhamaa akka turan kanaan duras dhaabbileen mirgaaf falan kan ibsan yoo ta’u, BBC’s miseensoota maatiifi jiraattoota godinaalee garaagaraa dubbisuun gabaasuun ni yaadatama.
“Haalli ummanni amma keessa jiru ulfaatadha. Abdii kutannaa keessa jirra, namoonni sagalee ta’anii miidhama ummataa kanaa dubbatan waan hin jirreef jaarsota kana torban lamaaf bakki isaan jiran wallaalame,” jedhe.
Gabaasni kan BBC afaan Oromooti.