Jilli Abbootii Gadaa 10 tahan Amajji 7/2025 ukkaamsaman achi buuteen isaanii dhabame

#Karrayyuu‼️

Abbootii Gadaa Karrayyuu , jaarsolii biyyaa fi manguddoo Karrayyuu achi buuteen isaanii erga dhabamee guyyootni 14 darban.

Jilli Abbootii Gadaa Karrayyuu warra Gadaa waggaa 3 dura  koree Nageenyaa pp ajjeesan irraa hafan Amajji 7/2025 kaabinee fi Humni waraanaa walgayitu jira jedhanii kan magaalaa Mataaharaatti bulchiinsi Aanaa Fantaallee #Hawaas_Carcar Yaame Miilla Bakar waaree tahan jechuun maatii fi jiraattotni naasuu keessa galanii jiran.

Bulchinsi Aanaa #Fantaallee kan Hawaasaa Carcariin dursamu walgahiitu jira jedhee waajjira bulchiinsaa Magaalaa #Mattahaaraatti erga yaamen booda mana hidhaa isaan galchuun guyyuma sana halkan naannoo sa’aatii sagalii lafa bariitti deemu mana hidhaa irraa baasuun achi buuteen isaanii dhabamuu maatii fi hawaasni Karrayyuu Abbootii Gadaa isaanii fi jaarsolii Biyyaa isaanii iyyaafachaa jiru.

Namoota ukkaamsamanii dhabamsiifaman maqaan isaanii:-

1.Roobaa Jiloo Jeenboo

2. Gurroo Roobaa Hanbuu

3. Hawee Lattuu

4. Abbabaa Abbulloo

5. Haldaggoo Fantaallee

6. Hawee Jiloo Baabbee

7. Arroollee Bulaa

8. Hawee Jiloo Boruu

9. Qonjoo Jiloo Godeettii

10. Hawee Jiloo Boruu kanneen jedhamanii qaamni RIB mana isaanii irraa ukkaamsee hannga ammaa eessa akka jiran hin beekaman.

Aanaa Fantaalleetti bulchinsa qaama Nageenyaa kan ta’e  namni Maqaan isaa #Kadiir_Roobaa_Cirissaa jedhamu yeroo namoota qabee hidhuun qarshii hanga 50,000 kaffalaniif akka bahan taasisaa jiraachuun ummaticha hiraarsaa jiraachuu hawaasni Karrayyuu ni himatu.

Yeroo ammaa kana Jilli Abbootii Gadaa Karrayyuu fi manguddootni Karrayyuu kan achi buuteen isaanii dhabame ajaja koree Nageenyaan tahuu kan himan keessa beektotni sababa WBO naannicha keessa socho’u galchuu diddan jedhamuun akka tahes ni himu.

Waggaa Sadii dura ajaja koree Nageenyaa Abboota Gadaa Karrayyuu naasuu tokko malee kan rashanne murni Abbaa Irree Abiyyiin durfamu kan maqaa koree Nageenyaan ummata dararu ammas marsaa 2ffaa waggaa 3 booda abboota Gadaa fi jaarsolii Biyyaa Karrayyuu humni badii kun achi buuteen isaanii dhabamsiisee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *