Biyyoota Afrikaa bara 2025 qaala’insi jireenyaa olaanaa tahan keessaa #Itiyoophiyaan sadarkaa calqabaa irratti jirti jedhe qorannoon business Insider calqaba 2025 baaseen
Baasii jireenyaa dabaluu isaatiin dandeettii lammiileen fedhii bu’uuraa guutuu, qusachuu, daldala jalqabuu fi meeshaalee barbaachisoo bitachuu danda’an daangessuudha.
Biyyoota qaala’iinsi jireenyaa olaanaa ta’e keessatti baasii jireenyaa bu’uuraa uwwisuun rakkisaa ta’ee, garaagarummaan galii fi baasii kun sadarkaa jireenyaa hir’isa, qoodinsa qabeenya haqa qabeessa ta’e ni miidha, hiyyummaa hammeessuu akka danda’u himama.
Fedhii fi tajaajiloota bu’uuraa kanneen akka mana jireenyaa, nyaataa, geejjibaa, eegumsa fayyaa, fi barnootaa gatii madaalawaa ta’uun akka safartuu baasii jireenyaatti fayyadama.
Gatiin meeshaalee fi tajaajiloota bu’uuraa dabalaa dhufuun hiyyummaa hammachuu bira darbee jeequmsa hawaasummaa fi yakka fiduu akka danda’us ibsameera.
Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti namoonni qabeenya gaarii qaban baasii dabalaa jiruun walmadaaluu itti fufaniiru; Maatiin galii gadi aanaa fi giddu galeessaa qabanis rakkoo kana mudateera.
Daldaltoonni xixiqqaa fi giddu galeessaa kaffaltiin tajaajila, kiraa fi mindaa dabaluu kan isaan mudatu yoo ta’u, kunis baasii hojii isaanii ni dabala.
Intarpiraayizoonni xixiqqaa fi giddu galeessaa, lafee dugdaa dinagdee Afrikaa ta’an, qormaata akkanaa kanaan hojii irraa dirqisiifamuu akka danda’anis yaaddoo uumeera.
Business Insider bara 2025 Itoophiyaan biyya qaala’insi Jireenyaa Afrikaa irraa sadarkaa jechuun kaa’eera.
Indeeksii bara darbeetiin sadarkaa 4ffaa irra kan turte Itiyoophiyaan bara kana sadarkaa tokkoffaatti kan ol baate yoo ta’u, Moozaambiik, Senegaal, fi Ayvorii Koost hundi isaanii bara kana fooyya’iinsa xiqqaa galmeessaniiru.
Jalqaba bara 2025tti Botswaanaan, Moozaambiik, fi Ivory Coast baasii jireenyaatiin Itoophiyaatti aanuun sadarkaa lammaffaa hanga afraffaatti ni argamu.