Galaalchessaa Sooraa Jirmaa haqa dhabuun mana hidhaatti dagatame

Galaalchessaa fi barataa Yuuniversiitii Finfinnee kan tahe Sooraa Jirmaa ajjeefamuu qondaala siyaasaa ABO Jaal Battee Urgeessaa hordofee Finfinnee Yuuniversiitii irraa wahillan isaa waliin sirna Awwaalcha Jaal Battee irratti argamuuf kan gara Baatuu bakka jaal Batteen itti ajjeefame imalee hidhame hanga har’aa mana hidhaa keessatti yakka tokko malee hidhamuun dararamaa jira.

Galaalchessaa fi Barataa Sooraa Jirmaa bara barnootaa bara kanaa kan eebbifamu kan ture yoo tahu akkuma namoota biroo ganamaan ka’ee sirna awwaalcha Battee Urgeessaa irratti argamuuf gadda isaa ibsachuuf gara Shaggar kibba Bahaa magaalaa Baatuutti kan imale tahus humnoota waraanaa mootummaa Abbaa Irreen ukkaamsamee sirna Awwaalchaa irrattis osoo hin argamiin mana hidhaatti darbatamuun mana murtii tti osoo hin dhiyyaatiin baatii sadii darban achitti dararamaa jiraachuun beekame.

 

Galaalechessaa Sooraa Jirmaa dabalatee obboleessi Qondaala Siyaasaa ABO Jaal Battees ajjeefamuu isaa booda kan qabame hanga ammaa mana hidhaatti dararamaa jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *