Shawaa Lixaa aanaa Cobiifi Wallaggaa Bahaa Nuunnuu Qumbaatti haleellaa diroonii PP’n raawwatameen namoonni nagaan 70 caalaan ajjeefamuun dhagahame.
(SQ-Onkoloolessa 24,2022)
Kaleessa Onkoloolessa 23,2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Cobii ganda Bakkee Hoofuu iddoo addaa Qaalee jedhamutti humni Qilleensaa Mootummaa paartii Bilxiginnaa haleellaa qilleensarraa diiroonniin uummata nagaa irratti raawwachuu maddeen himan.
Haleellaan kun qe’ee namoota nagaa irratti raawwatamuu eeranii, kanaanis namoonni 70 caalaan lubbuu isaanii dhabanii jiru jedhan.Namoota ajjeefaman keessaa 4 miseensa maatii tokkoo akka ta’an himaniiru.
Kana malees namoonni nagaan 112 haleellaa kanaan madaa’uu ibsaniiru.Haleellaan kun namoota nagaa irratti akka xiyyeeffate jiraattonni dubbataniiru.
Oduma walfakkaatun Onkoloolessaa 21,2022 waaree booda Godina Wallaggaa bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaa bulchiinsa magaala Adareetti murni bilxiginnaa halleella dirooniin boombii gubbaa gadi darbateen qabeenyaan uummataa barbaada’uu fi hanga gabaasni kun qindaa’etti namootni sadii madaa’uu Maddee ibsaniiru.
Namoota halleellaa kanan madaa’an keessaa kan maqaa arganne nama Carraa Geetaachoo jedhamuu akka ta’ee fi namootni biroon haleellaa kanaaf saaxilaman jiraachuu jiraattootni dubbataniiru.
Murni bilxiginnaa kun Onkoloolessaa 19,2022 Shawaa lixaa aanaa metta Walqixxee keessaattis halleellaa xiyyaara raawwateen lubbuu namoota 14 ol dabarsuu fi qabeenyi barbaada’uu gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.