Horroo Guduruu Shaambuu fi Baakkootti waraanni Bilxiginnaa dargaggoota lama ajjeese.

Horroo Guduruu Shaambuu fi Baakkootti waraanni Bilxiginnaa dargaggoota lama ajjeese.

(SQ-Onkoloolessa 25,2022)

Guyyaa dheengaddaa jechuun onkololesssa 23,2022 waraanni Mootummaa Bilxiginnaa dargaggoo Masii jedhamu magaalaa Shaambuu Iddoo addaa Hoteela Siinboonnee jedhamuu guyyaa keessaa tilmaamaan sa’a 10:00 keessa qabuun erga bakka sanaa fuudhanii deemanii booda guyyuma kana galgala immoo Bakka addaa Mana Barumsaa Qophaa’ina Shaambuu duddubatti ajjeesuun gatan jedhu maddeen.

erga ajjeesanii boodas reeffa isaa maatii dhorkachuun kaleessa Onkoloolessa 23,2022 maatiifi jaarsoliin kadhaa heddun reeffa fudhachuun sirni awwaalchaa isaa rawwaate jedhan.

Dargaggoo Masii nama siyaasa kam keessatti illee hirmaannaa hin qabneefi hojii dhuunfaa isaa Ispoortii barsiisee ofii fi maatii isaa jiraachisu ta’u hiriyyootaisaa irra odeeffanneerra.

Oduudhuma Wal fakkaatuun Godina shawaa Lixaa Aanaa baakkoo tibbee magaalaa baakkoo keessatti Qeerroon (Hundee) Hundaa’ol Waaqumaaa jedhamu, kaleessa Onkoloolessa 24,2022 waraana Bilxiginnaattin ajjeefamu SQtti himan.

Ajjeechan guyyaa irra gara guyyaatti Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru jabaate itti fufee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *