Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduu Afrikaa Kibbaatti jalqabe
(SQ-Onkoloolessa 25,2022)
Mariin nagaa mootummaafi humnoota Tigraay gidduu guyyaa Kibxataa Afrikaa Kibbaatti jalqabe.Erga waraanni waggaa lama dura Tigraayitti eegalee humnooti lamaan mariif ifatti yoo gadi taa’an kuni kan jalqabaati.
Dubbii Himaan mootummaa Afrikaa Kibbaa Vinsant Maagwenyaa akka miidiyaaleef guyyaa har’a ibsanitti mariin kuni guyyoota itti aanan jahaaf jechuunis hanga Onkololeessa bulti 30 ni tura.
Marii kana Gamtaan Afrikaa kan mijeesse yoo ta’u qondaaltonni sadii jaarsummaan irrati hirmaatu.
Kunneenis Pirezidantii duraanii Naayijeeriyaafi Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa kan ta’an Olusegon Obasaanjon durfamu.
Pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keniyaattaafi Pirezidantii I/Aantuu duraanii Afrikaa Kibbaa kan ta’an Phumzile Mlambo-Ngcuka tumsa ni taasisu.
Dubbii Himaan Pirezidantii Afrikaa Kibbaa Maagwenyaan marii kanarraa abdiin akka eegamu ibsaniiru. Mariin kuni yeroo mootummaan federaalaa Itoophiyaa magaalota haaraa humnoota Tigraay jalaa to’ataa jirutti jalqabe.
TPLF fi Mootummaa paartii Bilxiginnaa yoo walii galun araaraa buusan rakkoon biyyatti nifurama kan jedhu yeroon kan deebisudha.