Godina Harargee lixaa mi’eessootti, “maatii shaneeti” jechuun waraanni pp namoota nagaa lama ajjeesan.
(SQ-Onkoloolessa 26,2022)
Onkololeessa 25, 2022 Godina Harargee Lixaa aanaa Miโeessoo araddaa Daalachaa, ganda Qimiixxaa jedhamu keessatti hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa isin maatii shaneeti jechuun namoota nagaa 2 ajjeesuu maddeen nuuf himan.
Akka maddeen jedhanitti waraanni PP Namoota naannichaa walitti qabuun fuula namootaa duratti ajjeesan jedhu. Namootni gara jabinaan hidhattoota mootummaa Bilxiginnaan ajjeefaman kunniin Maammad Aliyyii Adamii fi Alii Xayyib kan jedhamanidha.
Kana malees, guyyuma kana manneen namoota 5 ibiddaan akka barbadeessan ibsameera. Namoonni manni jala gubatee kunneenis;- Aammad Maammad, Abdii Aammad, Abdallaa Maammad Waaree, Adam Umaree Wadaayii fi Abdii Maammad Surur kannen jedhamanidha.
Ummata nagaatti waraana fiduun akka lubbuun namaa darbuu fi manneen ummataa barbadaawu kan gochaa jiru bulchaa araddaa Daalachaa nama Shiitee jedhamu akka taโes oduun arganne ifa godha. Ofiifis itti dhukaasee ajjeesuu keessaa akka harka qabullee maddeen keenya himaniiru.