Buraayuutti manneen ummataa Magaalaa Shaggar ijaarra jechuun Beenyaa malee diigamaa jira.

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti maqaa ijaarsa magaalaa Shaggar jedhuun manneen namootaa diigamuun itti fufe.

 

Gurraandhala 9, 2023

Murni magaalaan ijaara jechaa manneen  ilmaan Oromoo diiguun bakkeetti facaasaa jiru bilxiginnaan hojii isaa kana bifa qindaa’aa ta’een geggeessuun namoota hedduu mana maleeyyii gochaa jira.

 

Dheengaddaa fi kaleessa Guraandhala 6 fi 7,2023 godina addaa Oromiyaa naannowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Qeeraa jedhamuun beekamu keessatti  manneen namootaa maqaa ijaarsa magaalaa Shaggar jedhuun  gileedarii itti kaa’anii diigaa turan.

 

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaa manneen abbaa warraa  15,000 diiguuf karoorfataniin hanga ammaatti manneen abbaa warraa 6000 diiguun maatii daa’ima waliin daandiitti facaasanii jiru.

 

Murni bilxiginnaa yeroo finxaaleyyiin itti hammaattutti lafti keessanii, kaartaa fi pilaanii itti isiniif kenninee seera qabeessa goonaa, akkasumas warreen seera qabeessa taatan tajaajila bishaan dhugaatii, ibsaa fi telekoomikeeshinii isiniif galchina jechuun goyomsaa turanii yeroo uummatni qaala’insa jireenyaan waadamaa jirutti tarkaanfii kana fiduun uummata Oromoo harka namaaf saaxiluu dha jedhan.

 

Namootni manneen isaanii jalaa diigamu hedduun daandii ba’uun gariin ammoo namoota beekanitti maxxanuun jireenyaan wal’aansoo qabaa jiraachuu jiraattotni nuuti  himaniiru

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *