Yuuniversiitii Mattuutti barsiisota maatiin jalaa wareegamee gadda taa’an humni pp ukkaamse.
<Sagalee Qeerroo -Mudde 10/2022>
Humni waraanaa bilxiginnaa Barsiisota Mattuu yuuniversiitii barsiisan kan Maatii isaanii Wallaggatti Humni finxeyyii Amraa jalaa ajjsan gadda taa’an jennaan maaliif gadda teessu jechuun mana isaanik osaa gadda irra jiranii ukkaamsanii hidhan.
Tibbana gochaa finxleyyiin amaa**ra ummata Oromol irratti raawwateef Oromiyaa keessatti mormiin barattootaan gaggeeffamaa kan jiru yoo tahu ppn gaaffii barattootaa dhaggeeffachuurra barattootaa fi barsiisota sabaan Oromoo tahan irratti tarkaanfii fudhachuun humna waraan ukkaamsitee hidhaa jiraachuu gabaasaaleen arganne ni mul’isa.
Gochaa murni Morma Ilmaan Oromoo irraa kuchisiisu ppn raawwate kanaaf Oromiyaa keessatti nageenyi dhibee mormiin uumamee jiraatus ppn namoota maatiin jalaa wareegamee gadda taa’an bakka hundatti mssliif gadda teessu jechuun hidhaa jira.
Barattootni yuuniversiitii Mattuus gochaa murni pp barsiisota isaanii irratti raawwatteef kan gaddan tahuun hanga isaan hiikamanitti baruumsa akka hin baranne waliif dhaamanii mormii barnoota dhaabuutti akka jiranis beekameera.
#oromiyaahaabaraarru
#SaveOromia
#OB