Waggaa hedduu dura biyya Jarmanitti wal arganii qabsoon Oromoo tooftaa ittiin galma gahuu qabu irratti mariiyatan.
KFOn qabsoo karaa nagaa golgaa ABOf tahee ture .
Gaggeessitootni kunneen lameen waaan waggaa hedduu dura waliif galan har’a Oromiyaa irratti wal hubannoon qabsoon Oromoo akka galma ishee geessuuf wal utubanii ummata isaanii waliin wareegama kamuu kaffalaa jiru.
Waggoota afurii as walitti dhufeenyi ABO fi KFO kan baayyee cimaa tahe yoo tahu gaggeessitootni ABO fi KFOs wal hubachuun wal wajjin waan ummatni barbaadu walumaan dalagaa jiru.
ABO fi KFOn waan ummataaf hin taane hin godhan qabsoon muuxannoo fi obsa gaafatti.
Wantootni miiraan deeman ykn mirqaanaan deemamu ummatichaa fi Oromiyaa akka miidhu waliif galanii akka isaaniif tolutti osoo hin taane akka Oromoo fi Oromiyaaf tahutti jedhanii hojii isaan dhaaba isaanii keessatti hojjetan guddaadha.
Tibbana wal hubannoon ABO fi KFOn ummatni Oromoo diina isa weeraree isa balleessuuf ka’e akka waan dandahaniin kallattii isaaniif mijatuun tokkummaan of irraa qolataniif waamicha Oromoo fi Oromiyaa baraaruuf godhanii jiru.
Gaggeessitoota kanneen Oromoon osoo dhagahee jiraate wareegamni har’aa kun hin jiraatu ture.
Ummatni Oromoo warra isaaf wareegamuu fi warra isa wareegu adda baasee deemuu dadhabee mirqaanaan warra isa ajje**suuf harka rukutuun bakka har’a kana akka qe’ee isaatti mormi irraa muramu tahe.
Waloomnee haa kaanu gaggeessitoota Oromoo haa dhageenyu qabsoo keenya hidhannoonis siyaasaanis haa utubnu .
Oromiyaa baraaruuf kan qabnuun waloon haa kaanu!.