Arsii keessatti ummatni WBOf deeggarsa gootan jechuun jumulaan hidhamaa jiru.

 

Godina Arsii Lixaa Ona Adaabbaatti maanguddootni kan keessatti argaman namootni hedduun WBOf gargaarsa gootan jedhamuun hidhamanii hiraarsamaa jiran.

 

Akka gabaasni arganne ifa godhutti mootummaan Bilxiginnaa Godina Arsii Lixaa Ona Adaabbaa magaalaa Adaabbaatti ogeessa fayyaa kan ta’e Obbo Addunnee Gabruu Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)f gargaarsa waldhaansaa goote ittiin jechuun hidhanii ji’oota lamaaf hidhaa keessatti hiraarsaa jiran.

Waraana Bilisummaa Oromoo waldhaante, qorichootaa fi meeshaalee waldhaansa fayyaaf oolan laatteef jechuun dabaan hojii isaa irraa qabanii, lafa mana hojii isaa Lajjoo Birbirsaa cufuun hidhaa keessatti gidirsaa akka jiran barameera.

Iyyannaa maatiin isaa mana murtii onaa irraa hanga godinaatti godhaniin akka gadhiisamuuf xalayaaleen yeroo adda addaatti mana murtii onaa fi gandaa irraa barraa’us waajjirri poolisii fi koreen nageenyaa ummata dararuuf hundeessame xalayicha fudhachuu diduun ji’oota lamaa oliif hidhaa keessatti hiraarsaa akka jiru gabaasni kun ni ifoomsa.

Haaluma walfakkaatuun Godina Arsii Lixaa Ona Adaabbaa ganda Laajjoo Birbirsaa irraa ALItti gaafa 23/07/2015 maanguddootni kan keessatti argaman namootni baay’een maqaa ilmaanii fi firoota keessantu WBO keessa jira jedhuun humnoota mootummaa PPn qabamanii hidhamuunis baramee jira.

1) Dr.Addunyee – umriin waggaa 50
2) Hasuu Addunyee – umriin waggaa 25
3) Obbo Suleymaan Waariyoo Shaalloo – umriin 58
4) Maammaa Kaduu – umriin 67
5) Adam Jaarsoo – umriin 65
6) Abdallaa H/Amaan – umriin 68
7) Jeeylaan Kadiroo – umriin 88
8) Abdusalaam Huseen Sayyidoo – umriin 38
9) Dannaboo Abbabaa Alishoo – umriin 39
10) Huseen Kadir Eda’oo – umriin 37
11) Aadde Inniyyee Abaataa – umriin 48
12) Saadiqoo Jaarsoo – umriin 31
13) Jundii Adam Jaarsoo – umriin 31 fi
14) Abdurramaan Abdullaayi Shanoo – umriin 35 warra hidhaman keessatti akka argaman beekameera.

Namootni kunniin ragaa seeraa tokkoon maleetti dharaan yakkamanii mirga qaban mulqamuun hidhaa keessatti itti roorrisamaa akka jiru gabaasa arganne irraa beekuun danda’ameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *