Kaaba Shaggaritti waraanni mootummaa namoota 5 ajjeesuun qabeenyaa mancaase

Kaaba Shaggaritti ajjechaa suukanneessaan ummata irratti raawwatamaa jiraachuun dhaga’ame

caamsaa 22/2023

Maddeen oduu akka gabaasaa jiranitti Kaaba Shaggar, Salaalee bakkoota garagaraa keessatti lolli jabaan Waraana Bilisummaa Oromoo fi waraana mootummaa PP gidduutti deemaa kan jiru yoo ta’u, waraanni mootummaa eeggannoo tokko malee, gandeen ummataa keessatti meeshaalee gugurdaa darbachuun lammiilee nagaa jumlaan fixaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Caamsaa 20, 2023 irraa qabee Salaale Ona Warra Jaarsoo, gandoota Faajjii Ejersaa, Hoosee, Qacammee, Godaa Bareedaa fi iddoo addaa Sonboo jedhamu keessatti lolootni jajjaboon Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi waraana mootummaa gidduutti deemsisamaa jira kan jedhan maddeen ummataa, ummatni nagaan namootni 7 ol waraana PPn ajjeesamuu addeessan.

Meeshaa gugurdaa waraanni mootummaa dhukaasuun lubbuun namaa fi beeyladootaa baay’een darbaa jiraachuu dha kan gabaasamaa jiru.

1) Obbo Shifarraa Simee
2) Obbo Sambataa Hurrisaa
3) Obbo Shaambaal Sambataa
4) Obbo Gorsaa Haayilee fi
5) Obbo Jaboo Morodaa kanneen jedhaman warra du’an keessatti akka argaman oduu arganne irraa hubachuun danda’ameera.

Lolli deemaa jiru jabaa fi bal’aa dha kan jedhan maddeen, yeroon isaa yeroo oomishaaf ummatni qophii godhatu ta’u illee, ummatni ba’ee galuuf yaaddoo itti ta’uu erga addeessanii booda, humni oomishaa gara bosonaa fi magaalaatti baqataa jiraachuu gabaasaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *