Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa fi Kibbaa waraana bilxiginnaa haleeluun loltoota PP 63 ajjeesuun 84 ol madeessuun dhaga’ame.
(SQ-Waxabajjii 28,2022)
Waxabajjii 27/2022 waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Cibiraan dhaloota Taaddee Birruu Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Darraa Ganda Raachoo keessatti tarkaanfii guddaa waraana Bilxiginnaa irratti fudhatee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa lola taasise kanaanis loltoota pp 20 yoo ajjeesu 30 ol madeessuun, 4 fayyaatti booji’uun akkasumas meeshawwan Waraanaa Kanneen akka kilaashii AKM 50, sinaayiperii 1, kaartaa sinaayiperii 3, hidhannoo 5, kaartaa kilaashii AKM 6 fi kkf booji’uu Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Cibiraa Dhaloota Taaddee Birruu beeksisee jira.
Oduuma wal fakkaatuun waxabajjii 27,2022 Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Cibiraan Soddom Booroo Godina Gujii Bahaa aanaa Gumii Eldalloo magaalaa malkaa gubaa bakka Gaara Culul jedhamutti tarkaanfii waraana Bilxiginnaa irratti fudhateen, 27 yoo ajjeesu 34 ol madeessuun meeshaawwan waraanaa kanneen akka Kilaashii turkii 2, kilaashii AKM 4 fi rasaasa gosa garaa garaa hedduu booji’uun beekame.
Bifuma wakfakkaatuun waraana Bilxiginnaa kan malkaa gubaa irraa Daandii Dhangaggooftuu jedhamu irraan uummata nagaa hiraarsuuf bobbaafaman Waraanni Bilisummaa Oromoo dursee eeggachuun bakka Amboo Kuroo jedhamutti tarkaanfii irratti fudhateen 16 ajjeesuun 20 ol yoo madeessuu ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Cibiraa Soddom Booroo beeksisee jira.
Tarkanfii waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa guutuu keessatti fudhata jiru jabaate itti fufee jira.