Yuunivarsiitiin Riifti Vaalii Kaampaasii Dirree Gafarsaa maqaa Aartist Haacaaluu Hundeessaatiin moggaasuu beeksise.

Yuunivarsiitiin Riifti Vaalii Kaampaasii Dirree Gafarsaa maqaa Aartist Haacaaluu Hundeessaatiin moggaasuu beeksise.

(SQ-Waxabajjii 28,2022)

Sirnicharratti kan argaman Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Riifti Vaalii Dr. Abbabaa Gammachuu maqaa Kampaasii Dirree Gafarsaa kan maqaa Aartist Haacaaluu Hundeessatti jijjiirreef seenaa Aartistiin kun hojjechaa ture akka hin dagatamneefi bara baraan akka yaadatamuuf jedhan.

Hojiin Aartist Haacaaluu Hundeessaa yeroo hundaa nu faanaa jiraataa kan jedhan Dr. Abbabaan, hojiin isaa yeroo hundaa laphee Oromoota hunda keessa jiraata jedhan.

Sirnicharratti kan argaman, Duraa Taa’an KFO Pirofeessar Mararaa Guddinaa Aartist Hacaaluun akkuma gootota Oromoo biroo maqaan isaa seenaa Oromoof hojjateen ni yaadatamaa jedhan.

Sirnicharratti maatii, jaalattonni, hayyoonni, dargaggoonnifi barattoonni Yuunivarsiitii Riifti Vaalii argamuun yaadannoo sammuu Aartist Haacaaluu Hundeesaafis taasisuun sirni duungoo ibsuus gaggeeffameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *