Liigiin Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afriikaa Itoophiyaa keessatti dhalattoonni Oromoo kuma 40 caalan hidhaa jiraachuu beeksise.
https://t.me/hordofaa
https://chat.whatsapp.com/LAzVHa4HqhsCccRHuz6sBB
Ajjeechaa, Hidhaa fi dararaan bifa garaagaraan Ummata Oromoo mudatu Bulchiinsa Abiy Ahimad jalatti akkaan hammaatee itti fufee jiraachuu beeksise.
Liigiin Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afriikaa Sarbamiinsa Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru ilaalchisuun gabaasa qorannoo ifa taasiseera.
Bu’uura isaa biyya Kanaadaa godhachuun sarbamiinsa Mirgoota Namoomaa akka waliigalaatti biyyoota Gaanfa Afriikaa keessatti raawwataman, addatti ammoo dhimma Oromiyaa irratti fuulleffachuun kan hojjetu Liigiin Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afriikaa, sarbamiinsa mirgoota namoomaa bulchiinsa Abiy Ahimad jalatti Ummata Oromoo mudataa jiru ilaalchisuun gabaasa qorannoo ragaalee garaagaraan deeggarame ifoomse.
Gabaasa fuula 45, irra jireessaan Ajjeechawwan Oromiyaa keessatti lammiilee nagaa irratti raawwataman, hidhaa hogganoota siyaasii, deeggartoota paartilee mormituu, ogeeyyii miidiyaa fi qaamolee garaagaraa irratti fuulleffate, akkasumas dararaa humnoonni mootummaa bifa garaagaraan hawaasa irraan gahan irratti fuulleffatee fi gochoota sarbamiinsa mirgoota namoomaatti hiikaman biroos of keessatti hammate maqaa namootaa, ragaalee suuraa fi kanneen biroon qindeessuun yakka raawwataman jedhe ifa taasiseera dhaabbanni kun.
Bulchiinsi Abiy Ahimad hammam yeroo gara Aangootti dhufu mirgoota namoomaa fi dimokiraasii, akkasumas olaantummaa seeraa kabajuu fi kabachiisuu, darbees cimsuuf waadaa seenus kan tahe faallaasaa tahuu kan eeru gabaasni kun, Humnoonni mootummaa seerarra tarkaanfachuun ajjeechaa, hidhaa fi dararaan ummata irratti akka feeteen raawwatan daangaa darbuu fi buqqaatii lammiileefillee sababa tahuu mul’iseera.
Itoophiyaa keessatti hogganootaa fi deeggartoota dhaabilee mormituu dabalatee, dhalattoonni Oromoo kuma 40 ta’an hidhaa jiraachuu kan mul’isu gabaasni qorannoo kun, lammiileen manneen hidhaa idileen cinatti dhoksaan bakka namni hin beeknee fi haala isaan keessa jiran hubachuuf hin dandeenyettillee hidhamanii kan gidirfaman tahuu mul’iseera gabaasni kun.
Keessumaa hogganootaa fi deeggartoota ABO irratti hidhaan kun kan hammaatu tahuu eeruun, gariin himata tokko malee yeroo dheeraaf hidhamanii jiraachuu ibsa. Isaan himanni irratti dhiyaatee manni murti yakka ittiin himatamanirraa bilisa jedhee fi mirga wabii kabajeefillee seeraan ala mana hidhaa kan tursiifaman tahuus mirkaneesse.
Waggoota afuran darbanitti godinaalee Oromiyaa garaagaraatti humnoota mootummaan bobbaasuun ajjeechaan suukanneessaan Ummata mudataa ture kan jedhu gabaasni kun, Qabeenya Ummataa Barbadeessuu, Tajaajila Quunnamtii adda kutuu fi lammiilee achi buutee dhabamsiisuunis tarkaanfilee seeraan alaa irra deddeebiin mootummaa Itoophiyaatiin fudhatamaa turan ta’uu eera.
Humnoota Idilee mootummaan kallattiin bobbaasuun cinattis kan bifa al idileen ijaaramanii socho’an kanneen akka garee milishaa Faannoo Amaaraatiin Walloo, Wallagga fi iddoowwan birootti ajjeechaan jimlaa, saamichii fi mancaatiin qabeenyaa raawwatamuu mul’iseera.
Isaan bifa garaagaraan ajjeefaman keessaas hanga qulqulleeffate maqaa fi guyyaa itti ajjeefaman, ragaa suuraan deeggaruun qaama gabaasa kanaa taasiseera.Haleellaan koorniyaa giddugala godhate yakka bulchiinsa Abiy Ahimad jalatti bal’inaan lammiilee mudataa jiru tahuus mul’isa gabaasni kun.
Yakkoota bifa suukanneessaan Ummata irratti raawwatamaa jiran kana adda durummaan Humni Addaa Poolisii Oromiyaa, Humnoonni Mootummaa Federaalaan Bobbaafaman, Caasaan Nageenyaa mootummaa fi Humnoonni bifa al idileen socho’an kan raawwatan ta’uus mul’isa gabaasichi.
Dhalattoota Oromoon cinatti haleellaa dhalattoota Walaayittaa hiriira nagaa geggeessaa turan irratti raawwatamee fi hidhaa hogganoota Paartilee mormituu biroo kan akka Balderas irratti raawwatame gabaasa isaa keessatti eereera Liigiin Mirgoota Namoomaa Gaanfa AfriikaaLiigiin Mirgoota Namoomaa kun seeronni Idil addunyaa fi Seeronni biyyattii kabajamanii, Hidhamtooti Siyaasaa manneen hidhaa mootummaa federaalaa fi naannootti ugguramanii jiran haal-duree tokko malee hatattamaan akka hiikaman, Waa’een namoota butamanii dhabamsiifamanii hatattamaan akka ifa tahu, Dararaaan bifa kamiinuu hidhamtoota seeraa dawoo seeraa jala jiranii fi lammiilee mudatu akka dhaabbatu, Ajjeechaan akka feeteen humnoonni mootummaa lammiilee irratti raawwatan hatattamaan akka dhaabbatuu fi Sarbamiinsi mirga namoomaa biyyattii keessatti raawwatamu qaama walabaan qoratamee gaafatamni akka jiraatuuf hawaasni addunyaas dhiibbaa gama isaatii akka taasisu gaafateera.