Shawaa Lixaafi Horroo Guduruutti waraanni Bilxginnaa Manaa fi qabeenya uummataa hedduu barbadeessan.

Shawaa Lixaafi Horroo Guduruutti waraanni Bilxginnaa Manaa fi qabeenya uummataa hedduu barbadeessan.

(SQ-Waxabajjii 4,2022)

waraanni faashistii Bilxiginnaa, uummataa nagaa ajjeesuu ,manafi qabeenya barbadeessu ciimsani itti fufani jiraachuu maddeen gabaasan.

Haaluma kanaan Waxabajjii 1,2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ilfataa Ganda Dirree Bareedaatti manneen Qotee bultoota Oromoo, Obbo Darajjee Hirphaa, Obbo Daboo Hirphaa, Obbo Dhufeeraa Dabalaa fi Obbo Warqinaa Gashoo yoo gubaan aanama sana ganda Ambaltaa Godeettiittis mana Obbo Shifarraa ibiddaan barbadeessuu maddeen SQtti himan.

Manneen Qonnaan Bultootaa Oromoo badii tokko malee waraana Bilxiginnaatiin gubatan kunneen qabeenya guutuu waliin waan jalaa gubataniif, maatiin namoota kanneeni dirre irratti faca’uun rakkoo hamaaf saaxilamanii jirus jedhu maddi keenya kun.

Oduuma wal fakkaatuun Caamsaa 31/2022 Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Biqiltuu Qidaamee jedhamutti Waraanni Bilxiginnaa Manaa uummataa, Dukkaana Ykn Suuqii, fi Mankuusaa midhaanii garaa garaa cabsanii seenuun qabeenya uummataa konkolaataa waraana Oraalii jedhamutti saamuun, kanneen saamuu hin barbaanne ammoo abiddaan barbadeessaa turan jedhu.

Akka maddeen keenya jedhanitti waraanni Bilxiginnaa akka waan diina lolanii weeraraniitti, qabeenyaa uummataa saamaa turuu fi namoota gandicha keessatti argaman ammoo reebicha hamaa erga irraan geessisan booda mana hidhaatti guuraa turan jedhu.

Mootummaan Bilxiginnaa Oromiyaa guutuu keessatti Sabaa Oromoo fi lammilee Oromiyaa gidirsuu cimsee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *