Wallagga Lixaa aanaa Boojii Birmajjii magaalaa Biilaatti halleellaan raawwate kan dubbatamuun ol ta’uu odeeffannoon arganne ifa godha.
(SQ-Sadaasa 4,2022)
Haleellaa Xayyaarri waraanaa mootummaa PP magaalaa Biilaa irratti Sadaasa 2, 2022 fudhateen namoonni hedduun ajjeefamuun kaan ammoo madaa’uu gabaasun keenya niyaadatama. Haleella kanaan kan ajjeefame irra guddeesi Uummata nagaa, sunuu baay’een isaanii ijoollee abdii biyyaa ta’an, barattoota sadarkaa lammaffaa hanga Yuunversiitii akka ta’an himamaa jira.
Kan raawwatame duguuggaa sanyii, yakka waraanaa ta’uu reeffi ijoollee guutuu magaalaa keessatti bakka bakkatti faffaca’ee, kaan mormi cite, kaan harki irraa cite, kaan ammoo qaamni guutuutti gubate kanaaf ragaa dha jedhu maddeen .
Haleellaa xayyaaraa mootummaan PP magaalaa Biilaatti ummata nagaa irratti Sadaasa 02, 2022 fudhate kanaan yo xiqqaate namootni 80 ol ajjeefamaniiru. Heddumminaan madaa’aniiru. Yeroo oduu kana qindeessinetti reeffi magaalaa keessaa funaanamee gara Hospitaalaatti guuramaa jiras jedhu.
Jiraattotni magaalaa Biilaa fi gandootni naannoo magaalaa jiran ijoollee isaanii haleellaa kanaan dhumatan adda baasanii reeffa isaanii fudhatuunuu akka rakkoo isaanitti ta’e reeffi nama adda ba’uun iyyuu ulfaata ta’eera jedhu.
Abbaan ilma isaa qabatee akka deemaa turetti, haatii fi mucaan akka waliin jiranitti haleellaa kanaan ajjeefamuu kan gabaasan maddeen Biilaa, magaalattiin gadda uffachuu fi yakki waraanaa irratti raawwatamuu ibsu.
Duguuggaan sanyii, yakki waraanaa hagas ulfaatu osoo ummata meesha-maleeyyii irratti raawwatamee jiruu, garuu dhageettii miidiyaa dhabee dhiigni ummata qulqulluu jige, lubbuun ba’e dhokfamaa jira.
Miidiyaalee maqaa Oromoon socho’an dabalatee aktivistootaafi hawaasa idil addunyaa cinatti uwwisa hin argatiin jiraatus, haleellaan kun haleellaa akkaan hamaafi duguuggaa sanyiiti jechuun ni danda’ama.