ODUU HIDHAA
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Guduruu jiraattota Ganda Waltaanee Gubbaa dambii kan ta’ani Obbo Mulaatuu Iddoosaa fi haadha mana isaanii aadde Bashaatuu Ejjetaa kan jedhamani guyyaa har’aa Hagayya 22 bara 2023 A.L.A tti ganama sa’a 2:00 tti Humni addaa Oromiyaa mana jireenyaa isaaniitti ol seenanii WBO nyaachiftu meeshaan waraanaa mana kana jira,ilmi keessan bosona jira jechuudhaan mana sakatta’anii osoo waan tokko hin argatiin isaan fuudhanii badii tokko malee qabanii maatii isaaniirraa gara mana hidhaa Magaalaa Kombolchaatti geeffamaniiru.
Akka maddeen naannichaa nuuf dhaamanitti Guyyaa dhuma kana ganama Ganda isaaniitti Uummata walitti qabanii yeroo mariisisaa oolan kana ilmi isaanii bosona jira kan jedhani Leencoo Mulaatuu akkuma jiraataa ganda sanaatti wal gahii hirmaatee kan tureefi erga maatiisaa fudhatanii demanding daanddiirra gahanii ilmi keessan WBO waliin bosona jira fidaa jedhanii odeeffannoo dogoggoraatiin maatii hiraarsaa jiru.
Naannoo Tulluu Habiib gabaa Kamisaa kan jiedhamu har’a guyyaa gabaa waan ta’eef dargaggoota Gabaa bakka garaa garaarta dhufanii jirani waltti qabanii gara namoota 100 olii ukkaamsanii duulaaf kootaa Ona Guduruu guuttachuuf akka waliin fuudhanii Magaalaa Kombolchaa geessani maatiin isaaniif jiraattonni ganda Sanaa eeraniiru.