Qondaalli ABO itti gaafatamaan Shawaa Lixaa kan ta’e jaal Gadaa Gabbisaa haalli fayyummaa isaa akkaan yaaddessaa ta’uun gabaafameera.
(SQ_ Bitootessa 21/2022)
Qondaalli ABO jaal Gadaan waggaa tokko oliif sababa Miseensa ABO ta’e qofaaf mootummaa PPtiin hidhamee murtee seeraa malee mana hidhaa akka jiru beekkamadha.
Kun osoo kanaan jiru tibba kana ammoo dhukkuba Tiruun qabamee mana hidhaa keessatti akka hiraaraa jiru maatiin isaa ni dubbatu.
Mootummaan PPn hogganootaa fi qondaalota ABO humnaan badii tokko malee mana hidhaa keessatti ukkaamsee dhukkuboota daddarboon akka isaan miidhaman gochaa akka jiru beekkamaadha.
Jaal Gadaan hospitaala Jaal Battee Urgeessaan ciisee jiru har’a qorannoof akka dhaqe kan himan maddeen; bu’aan qorannoo isaa akkaan yaaddeessaa ta’uu fi yoo yeroon qoricha argatee hin wal’aanamne yaaddessaa ta’uu dubbatan.
Akka maddeen jedhanitti bu’aan qorannoo Vaaral Lood jedhamu guyyaa 20 booda akka baramu maddeen dabaluun ifoomsaniiru.
Akkuma beekkamu jaal Battee Urgeessas dhukkuba kanaa qabamee yeroo ammaa Hospitaala Adaraa jedhamutti wal’aanamaa akka jiru beekkamadha.
Kanaaf ummanni Oromoo jaallan Hooganootaa fi Qondaalota ABO kunneeniif sagalee ta’uu akka qabu sabboontonni gaafataniiru.
