Waraanni Bilxiginnaa Shawa lixaafi Qellem Wallaggatti Abbaa Qabeenya 1 fi dargaggeessa qaroo hin qabne tokko ajjeessan..
(SQ-Bitootessa 22/2022)
Abbaa qabeenyaa kan ta’an Obbo Birrinaa Baraasuu Godina Shawaa lixaa aanaa Kaachisi jiraacha kan turaan yoo ta’uu Waggaa tokko duraa sababa hin beekamneen Mootummaan Bilxginnaa Konkolaata isaanii jala saaman Obbo Birriinaanis Waraana Bilxginnaa baqachuun Magaalaa Finfinneetti galanii turan jedhu Maddeen keenya.
Obbo Birrinaan torbee darbee hojiif Magaala Gincii yoo deeman achitti waraana Mootummaa Bilxginnaan qabamani turan erga yeroo muraasaf hidhamanii booda Bitootessa 21,2022 ajjeeffamun reeffi isaanii Magaalaa Shukutee jalatti gatame argamee jedhu.
Obbo Birriinaan naannoo isaanitti namoota rakkatee gargaarun kan beekaman yoo ta’u hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kan qaban ta’uu Odeeffanneerra.
Oduuma walfakkaatun waraanni Bilxiginnaa Bitootessa 18,2022 Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan Ganda Tuulama Canqoo bakka Masalaa jedhamuutti dargaggeessa qaroon isaa 1 hin argine Shukurii Adam kan jedhamu mana maatii isaatii fuudhanii ba’uun karaatti rasaasaa itti roobsanii ajjeesuu maddeen SQ nuuf himan.
Shukuriin nama qaroon isaa tokko hin argine yoo ta’u akkasuma siyaasa keessaa qooda akka hin qabnee odeeffanneerra.
Suuri Obbo Birrinaa Baraasuutti!