Barattoota Oromoo 18 Matakkalitti Faannoo Amaaraan Butaman Keessaa Namoonni 2 Ajjefamun reeffi isaanii argame.

(SQ-Bitootessa 20, 2022)

Barattoonni Oromoo 18 Bitootessa 17,2022 Godina Matakkal Aanaa Dibaax bakka Bishaan Adii jedhamutti konkolaataa keessaa adda baafamun Faannoo Amaaraan buutamanii turuu gabaasun keenya niyaadatama.

Barattoota 18 buutaman keessa 13 harka hidhattoota kanaa miliqanii ba’uun sa’aa dheeraa deemuun magaalaa Barbar kan ga’aan yoo ta’uu. Barattoonni ammoo 5 harka Faannoo Amaaraatti hafaan.

kanneen harka Faannoo Amaaraatti hafan keessaa Koltee Fayisaa fi Taarikuu Fufaa kanneen jedhaman ajjeefamuun reeffi isaanii kan argame yoo ta’u, Ayyaanaa Lammeessaa kan jedhamu ammoo aanaa Bulan ganda Mettii Giisaa jedhamutti rasaasaan qaama isaa irra bakka lama rukutamee argamee jedhu maddeen SQ.

kanneen achi buuteen isaanii dhabamee jiruuf barbaachi kan itti fufee jiru yoo ta’u, lubbuun jiruuf hin jiraanii isaanii hanga oduu kana qindeessinetti waanti beekame hin jiru.

Mootummaan Bilxginnaa Faannoo Amaaraa hidhachiisuu Oromiyaafi Beniishaangul Gumuztti bobbaasun gocha sanyii duguuggaa raawwachaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *