๐Š๐ข๐›๐›๐š ๐๐š๐ก๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐จ๐จ๐ญ๐š ๐€๐ซ๐ฌ๐ข๐ข ๐‹๐š๐ฆ๐ž๐ž๐ง ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‘๐จ๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š๐ซ๐ซ๐š ๐†๐š๐ก๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐ˆ๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐ž๐ž ๐ˆ๐ฃ๐จ๐จ ๐ƒ๐ฎ๐›๐›๐ข๐ข ๐€๐๐Ž โ€“ ๐€๐ฆ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข ๐ŸŽ๐Ÿ•/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ‘.

 


๐Š๐ข๐›๐›๐š ๐๐š๐ก๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐จ๐จ๐ญ๐š ๐€๐ซ๐ฌ๐ข๐ข ๐‹๐š๐ฆ๐ž๐ž๐ง ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‘๐จ๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š๐ซ๐ซ๐š ๐†๐š๐ก๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐ˆ๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐ž๐ž ๐ˆ๐ฃ๐จ๐จ ๐ƒ๐ฎ๐›๐›๐ข๐ข ๐€๐๐Ž โ€“ ๐€๐ฆ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข ๐ŸŽ๐Ÿ•/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ‘.
Kibbi Baha Oromiyaa, Godinni Arsii Lixaa fi Arsiin yaaddoo nageenyaa keessatti erga kufee bubbuleera. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n qaama mootummaatiin ummata nagaatti maqaan adda addaa itti baasamee miidhaa irratti raawwatamaa jiru jabeessee balaaleffata; ummata siviilii dararuun buโ€™aan argamu waan hin jirreefis akka dhaabbatu gaafata.
Godina Arsii lameen keessatti leetoon ummataa jeeqamee ummati nagaan maqaa WBO waliin hidhata qabdu, nyaataa fi odeessa kennituuf jechuun humnoota mootummaa hidhatan kan akka raayyaa ittisa biyyaa (RIB), poolisii humna addaa fi milishota gandaatiin dararaa ulfaataaf saaxilamaniiru.
Onoota Godina Arsii kan akka Muneessaa, Leemmoo fi Bilbiloo, Honqoloo Waabee, Shirkaa, Xichoo, Xiyyoo, Zuwaay Dugdaa, Heexosaa, Jajuu, Gunaa, Collee, Martii, Asakoo fi Magaalaa Asallaa, akkasumas Godina Arsii Lixaa Onoota akka Heeban Arsii, Nagellee Arsii, Adaabbaa, Dodolaa fi Siraaroo keessatti hidhaan, ajjeechaan, reebichii fi saamichi jabaatee itti fufee jira.
Humnoota mootummaa hidhatanii fi caasaa kaabinootaatiin bobbaafamaniin gochoonni ummaata irratti rawwataman kanneen akka hidhaa jumlaa, ajjeechaa, dararamnii fi saamichi akka malee hammaateera. Ummata nagayaa guyyaa irraa guyyaatti hidhuun akka malee jabaatee itti fufeera.
Namoota hidhaman keessaa muraasni: 1) Kadiir Abdoo – Ona Balee irraa, 2) Musxafaa – Ona Suudee irraa, 3)Abdulsalaam Haji Bakaaree – Ona Suudee irraa, 4) Xaahir Foggaloo โ€“ Ona Muneessaa irraa, 5) Huseen Hullee – Ona Honqoloo Waabee irraa fi ummata nagaa nama 69 ol Ona Heexosaa Ganda Sibuu fi Magaalaa Booruuttii Mudde 25, 2022 irraa hanga harโ€™aatti hidhamanii dararamaa jiru. Hidhuu qofa osoo hin taane namoota hidhaman irraa matta’aa fudhatanii gadi dhiisuun hojii saamichaa irrattii bobaโ€™anii jiru.
Namoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa kanneen akka Huseen Uttiyyuu fi Kurfaa Fayyisoo faa Ona Zuwaay Dugdaa keessatti waggaa tokkoo oliif mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiru. Kana malees Aadde Zaarunaa Dargaa Cangarree daaโ€™ima ishee waggaa lamaa waliin hidhamtee doorsifamaa fi roorrifamaa jirti. Isin ajjeefna jechuun hidhattoonni Bilxiginnaa doorsisa ulfaataa irraan gahaa jiru.
Hidhamtootni dhukkubsatanii akka qoricha hin arganneef mana yaalaa irraa ugguramaniiru. Haala kanaan ummanni Onoota akka Zuwaay Dugdaa, Muneessaa fi Heeban Arsii keessaa qabamuun kaampii waraanaa Togaa (Bishaan Gurrachaa)tti kanneen hidhaman waldhaansa dhabanii dhukkubaan rakkachaa jiru. Kana malees bishaan dhugaatii qulqulluu dhorkatamuun dhibeef saaxilamaa jiru.
Onoota akka Zuwaay Dugdaa, Muneessaa, Jajuu, Heeban Arsii fi kaampii waraanaa Togaa (Bishaan Gurrachaa) keessatti kanneen hidhamanii jiran maatiidhaan akka wal hin argines dhorkamaniiru. Mana hidhaa keessaa baasanii achi-buutee dhabamsiisuunis hammaatee jira. Akka fakkeenyaatti: Obbo Aliyyii Roobaa Ona Muneessaa irraa, Aadam Abbiyyuu Ona Arsii Nagellee irraa, Abbas Tololaa Dilboo Ona Heexosaa Ganda Sibuu irraa, Kaliil Huseen Galchuu Ona Heexosaa Gandaa Sibuu irraa mana hidhaa keessaa baafamuun achi-buuteen isaanii dhabameera.
Gochi ajjeechaa fi yaaliin ajjeechaas ummata siviilii irratti raawwatamaa jira. Akka kanaan Godina Arsii Ona Jajuu Magaalaa Alagaa Dureettii keessatti hidhattoonni mootummaa gaafa Amajjii 03,2023 namoota sadii (3) mana hidhaatii baasanii ajjeesaniiru. Namoota ajjeefaman keessaa tokko Aliyyii Hajii Galchuu yoo tahu namoonni lama ammatti maqaan isaanii hin beekamne.
Godina Arsii Ona Heexosaa keessattis mucaan umriin isaa 17 tahe Arabuu Abbee jedhamu โ€œShaneeโ€ waliin hojjettaโ€ jedhamee waajjira poolisii Ona Heexosaatti hidhamuun gaafa Mudde 25, 2022 hidhaa keessaa baafamee iddoo addaa Doddotaa jedhamutti geeffamuun rasaasa lamaan rukutamee du’e jedhamee gatamuun dhagaan irra tuulamee ture. Guyyaa itti aanu ganama ummanni reeffa kaasuuf deemee reeffa mucaa irraa ennaa dhagaa kaasan lubbuun keessaa hin baane waan taโ€™eef, gara Hospitaala Asallaatti fudhataniiru.Godina Arsii Ona Muunnessaa Ganda Dallee Konchee /Booree keessattis fira gaafachuuf kan deeme, Dargaggoo Guddataa Fayyisoo Badhaanee jedhamu โ€œShanee biraa dhufta ykn Shanee bira deemuuf jirta” jedhamuun poolisii humna addaa Oromiyaa kanneen Ona Muneessaa irraa bobbaafamaniin qabamee erga guyya guutuu hiraarfamee booda, ALItti. galgala toora saโ€™aatii 12:00 irratti Ganda Booree iddoo addaa Agamsa jedhamutti ajjeefamee gatame. Ona Qoree Magaalaa Qoreettis mucaan umrii 16, Gammachuu Hajii Maammad jedhamu badii tokko malee bakka inni hojii kophee haxaawuu hojjetutti itti gaafatamaan waajjira poolisii Ona Qoree Komaander Gammadoo jedhamu rasaasaan rukutee duโ€™aa fi jireenya gidduutti argama.
Kana malees hidhattoonni PP shamarranii fi dubartoota irratti gocha gudeeddii raawwataa jiru. Humnoonni mootummaan hidhachiisee akka ummata shororkeessaniif bobbaase bakkoota hedduutti haadha maatii fi ijoollee dubraa humnaan gudeeduudhaan miidhaa adda addaaf saaxiluu irraa hanga bultii isaanii diiguutti geessisaniiru.
Dhuma bara 2022 darbe keessa bakkoota hedduutti gudeeddii humnaan raawwatameen aggaammii lubbuun dabarsuu fi hanga lubbuu baasuutti gaโ€™eera. Akka fakkeenyaatti, Godina Arsii Ona Muneessaa Ganda Laqichaa keessatti gudeeddii humnaatiin doorsisanii humnoonni mootummaa Magaalaa Laqichaa qubatan raawwataniin haati intala dubraa gudeeddiin irratti raawwatame waan balaaleffatteef, Aaddee Geexee Kojii Wayyaa rasaasa hidhattoota mootummaatiin ajjeefamte. Akkasumas Godina Arsii Lixaa Ona Qoree Ganda Baataa Waltashaa keessatti haadha manaa maatii horattee qabdu irratti gocha humnaan gudeeddii raawwachuun, wal dhabdee inaaffaa irraa maddeen humnoota mootummaa hidhatanii gocha abaaramaa kana raawwatan gidduutti taโ€™een tokko isa tokko yoo ajjeesu isa hafes hidhattootnii biroo ajjeesaniiru.
Gochi kun itti fufuun Godina Arsii Lixaa Ona Adaabba Magaalaa Lajjoo Birbirsaa keessatti poolisoonni humna adda Oromiyaa baayโ€™inni isaanii 10 tahan dabaree dabareedhaan haadhaa fi ijoollee dubraa lama kan umriin isaanii waggaa 12 fi 15 tahan irratti gudeeddii humnaa raawwachuuf turan birmannaa ummataatiin fashaleera.
Haalli kana fakkaatu gaafa Mudde 27, 2022 Aadde Buzee Abarraa fi ijoollee ishee: Haannaa Sulxaan – umriin 15 fi Hawwii Sulxaan – umrii 12 irratti humnoonni mootummaa hidhatan halkan mana rurrukutanii seenuun tokko haadha Kuffisee yoo qabatu isaan kaan ijoollee qabuuf osoo wixxifatanii mucaan dubraa tokko sagalee iyyaa dhageessifteen ummanni birmatnaa godheen baraareera.
Onootaa fi gandoota godina kana lameenii keessatti saamichi hidhattoota PPtiin raawwatamu jabaatee jira. Ummanni maqaa deeggarsa RIB jedhuun hiyyeessaa fi dureessaa ykn harka qalleessaa fi qabaataa jedhamee osoo addaan hin baafamne fedhii isaanii malee dirqamaan mataa nama tokkootti qarshii 1500 โ€“ 2000 ramaduun ummata saamanii hiyyoomsaa jiru. Kunis marsaa 3ffaaf ummata irraa dirqamaan guuramaa jira.
Naannawa waraanni mootummaa qubatetti oomishni ummataa deggersa waraanaaf jedhamee guuramuun ummatni beelaaf saaxilamaa jira. Hoolaa, re’ee fi loon ummataa dirqamaan qalanii nyaatu. Namni wantota armaan olii kana hin guutne ykn hin dhiheessine โ€œShaneeโ€ ykn โ€œDeggaraa Shaneeโ€ jedhamee reebama; ni doorsifama; hidhaatti darbatama. Namoota maallaqa RIB’f jedhamee funaanamu hin kenniin hafan qabeenya isaan qaban keessaa loon ykn lafti caasaa gandaatiin gurguramee adabbii dabalatee waan barbaadan keessaa fudhachuun kan hafe ammoo kennameefii hidhaa irraa gadi dhiifama. Namoonni motoraan daldalanii maatii isaanii barsiisan, jireenya maatii isaaniif asii fi achi sochoโ€™an WBO feetanii deddeebistu jedhamanii sochii motoraa dhowwamuun rakkoo jireenyaa keessatti kufaniiru.Namoota motoraan leetoo ofiif jecha sochoโ€™an motorrii harkaa fuudhamee gubamaa jira. Haala kanaan Onoota akka Ajjee, Siraaroo fi Qoree keessatti motoroonni hedduun gubamaniiru. Baayโ€™eenis caasaa mootummaatiin saamamanii fudhatamaa jiru. Onoota hunda keessattis haaluma wal fakkaataatu raawwatamaa jira. Maatii hidhamtootaa irraa maallaqa guddaa fudhachuudhaan gadi dhiisu. Yoo fedhanis guyyaa muraasa booda namootuma maallaqa guddaa fudhatanii baasan kana deebisanii qabanii hidhu.
Walumaa galatti Onootaa fi gandoota Godina Arsii fi Arsii Lixaa keessatti hidhattoonni mootummaa PP dararaa akkaan ulfaataa, ajjeechaa, saamichaa fi hidhaa jumlaa ummata irratti raawwataa jiran. Addi Bilisummaa Oromoo gochoota farra ummataa tahan kana cimsee balaaleffata. Ummata dararuu fi ajjeesuutiin umrii aangoo dheereffachuuf yaaluun amala abbaa irree tahus, ummanni roorroo manatti itti dhufte didatee of irraa falma malee, barri callisanii roorrifamaa jiraatan darbeera.
Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *