Wallagga Bahaatti humni finxaaleyyyii Amaaraa weerara banan

Wallaggaa Bahaa keesatti humni Finxaaleyyii Faannoo waraana banuun weerara raawwate rukuramee of duu a deebi’e.

waxabajji 15/2023

Waxabajjii 15/2023 ganama obboroo har’aa sa’a 11tti Faannoo fi Humnoonni Amaaraa Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Gandoota Jirmaa, Tulluu Shimalaa, Dirree Guddaa fi Waasti jedhamaniin uummata keenyatti seenanii balaa qaqqabsiisaniiru.
Erga lafti bari’ee uummanni meeshaa qabus hin qabnes waraana diinaa qophaa’ee dhufe kanatti birmatee aarsaa kaffaluu qabus kaffalee haga sa’a 6:00tti waraanee ofirraa deebisee jiraachuu maddeen naannichaa nuuf himaniiru.

Uummanni kun yeroo yerootti humna kanaan miidhamaa, manni jalaa gubachaa, godaanaas jiru kanatti garuu qaamni mootummaa biyya bulchu dirmannaa inni godheef akka hin jirres naannoo lolli kun itti gaggeeffame irraa hubachuun dandahameera.

Ummatni wallaggaa bahaa osoo meeshaa gahaa qabaatee Faannoo humna gurmooftee hattu kan kaayyoo hin qabneย  mitiiย  humna daangaa isaa weerararuu dhufu kamuu of irraa qolatee daangaa isaa eegsifachuu akka dandahus jiraattotni ni himu.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *