Wallaggaa lixaatti waraanni pp dargaggoota lama abiddaan gube.

GOCHAA_SUUKKANNEESSAA!

Wallaggaa Lixaatti Waraanni pp Ummata Nagaa irratti yakka sukkanessaa raawwate.

Waxabajjii 15/2023

 

Wallaggaa Lixaa, Ona Hoomaa jedhamutti  guyyaa kaleessaa waxabajji 14/2023 waraanni pp uummata Gabaa dhufe keessaa Dargaggoota jumulaan qabee  kaampii RIB(Makkalaakayaa) tti guuranii hidhanii dararaa hamaa irraan gahaa bulanii booda guyyaa har’aa waxabajji 15/2023 ganamaan sa’aa 1:30 wayita tahutti Dargaggoota 2 kan maqaan isaanii #Abdii Eebbisaa fi #Abrihaam Eebbisaa jedhaman lamaan isaanii dhalattoota ganda #Agaloo Arsammaa kan tahan mataa isaanii walitti qabanii #Naafxaa ykn #Boba’aa itti firfirsuun fayyaadhumatti #ibidda itti qabsiisnaan; ijoolleen kun ibidda ofirraa dhaamsuuf yeroo isaan wiixxifataniitti Makkalaakayaan “nu harkaa miliquufi” jedhanii dhukaasa itti bananiin hanga ammaatti Dargaggoo inni tokko ajjeesameera. Inni tokkos ibiddaan baayyee miidhamee du’aaf jireenya gidduu jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *