Dhimma uggura Jimaa irratti ibsa KFO

  • Ummataaf Filannoo Biroo Odoo Hindhiyeesin Daldalaa fi Sochii Gabaa Jimaa Ugguruun Gonkuma Filatamaa Hinta’u
    ======
    Ibsa Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Irraa kenname
    ******
    Jimaan akka Itoophiyattis taé akka Oromiyaatti madda galii fi dagalee jiruuf jireenya ummata miiloyoona heddutti lakkayamuuti. Buna, habaaboo fi midhaan zayitaatti aanee, jimaan madda galii biyyaa sadarkaa 4ffaa irratti argamuu dha. Qonnaan bulaan miiliyoona 12 fi ol taú jimaa oomishee kan jiraatu yootaú namoonni lakkoofsi isaanii kanaa gadi hin taane ammoo daldalaa fi daddabarsii jimaa irratti bobbaúun galii kanarraa argataniin jiraatan ta’uuusa lammilee Itoophiyaa dabalatee adduunyaan kan beekudha. Haataú malee, danqaalee oomishaa, daldalaa, daddabarsii fi alergii waliin walqabateen ummani keenyas taé biyyooti galiin jimaa irraa argamu irraa faayidaa gahaa taé argachaa hin jiru.

    Mootummaan Naannoo Oromiyaas taé kan Federaalaa faayidaa fi galii jimaa irraa argamu sassaabuun ala oomisha jimaa fi oomishtummaa isaa guddisuuf rakkoolee qonnaan bulaa omisha kanarratti bobba’an mudatan furuuf tattaafataa hin jiranu. Akka biyyattis imaammatni ifa taé oomishaa fi gabaa jimaa irratti hin jiru. Kan ajaa’ib nama jechisiisu ammo qorannoowwan yeroo adda addaatti gaggeeffamanis madda galii miiliyoonotaa taé jimaa kan balaaleffatuu fi baduu akka qabu kan gorsu malee filannoo bira fudhatama qabu kan dhiyeessu hin jiru.

    Akka hubannoo paartii keenyaatti, yeroo ammaa kana oomishaa fi daldalli jimaa danqaalee seeraa, dhaba deeggarsa mootummaafi golgaa mootummaa jala dhokataniin miidhaan cimaan omishitoota jimaa, ummataa fi akkuma waligalatti biyya irra gahaa jira. Keessumattuu, danqaalee mootumaan daldalaafi alergii jimaa irra kaayeen qonnaan bultoonni fi namoonni jiruun isaanii daldalaafi daddabarsa jimaa waliin walqabate Baha Oromiyaa keessa jiraatan akka waliigalatti rakkoo diinagdee guddaa keessa galanii jiru. Kellawaan Ministeera Galii tifii Komishinii Gumrukaataiin beekkamtii hin qabne akkasumas barbachisoo hin taane bakka heddutti ijaaramuun isaanii sochii jimaa irra miidhaa cimaa geessisaa jiru. Keelawwan beekkamtii hin qabnee fi seeran alaa kuni akka kaánis ajajni Koomishiniin Gumruuka Itoophiyaa dabarsees dhageettii tokkollee hin arganne. Ashuuraa fi qaraxni maqaa garagaraatiin jimaa irratti buufame baa’yachuu bira dabree gatiin ashuuraa garmalee dabaluu isaatiin daldaltoonni jimaa qonnaan bulaa irraa gatii madaalawaan akka hin bitne gochaa jira. Akkuma waligalaatti, yakka kellawwaan raawwatan wayita ilaalamu, biyyi kun kan abbaa fi kan mootummaa hinqabne fakkaata.

    Gama birootiin ugguriin maqaa kootaatiin alergii jimaa irra kaayame daldala jimaa akka hirátu gochuun gabaan jimaa akka laaffatu taasisee jira. Daldalli jimaatis bilisa otuu taúu qabu caasaa dhoksaatiin humnoota golgaa mootummaa jalatti ijaaramaniin tooátamee madda faayidaa dhuunfaa namoota muraasaa taée jira. Wiirtuuleen gabaa jimaa jedhamanii magaaloota Awwadaayi fi Baddeessaatti ijaaraman haal ifa hin taaneen dhaabbata Oro-firesh jedhamuuf akka dabarfamanii kennaman murtaayuun hubatamee jira. Sababaawwan kanaan ummanni Baha Oromiyaa miiliyoonotatti lakkaayamu kan galii jimaa irraa argatuun bulu midhaan nyaataa bitatu madda galii biroo waan hin qabneef rakkoo diinagdee mudachuu bira dabree gara beelatti seenaa jira.

    Kanaaf:
    Keellaawwan beekkamtii seeraa hin qabne fi barbaachisoo hin taane hundi akka kaán, ashuuraan jimaa irratti garmalee dabalame madaalawaa akka taú gaafanna.

    Dabalataniis, Ugguurii fi kootaan alergii jimaa irra kaayame atattamaan akka kaafamu gaafanna.

    Ummata jiruun isaa galii jimaa irratti hundaayeef filannoon fudhatama qabu fi amansiisa ta’e biroo odoo hinbarbaadamiin tarkaanfii akkana fudhachuun lammilee hojii sanarratti bobba’an miidhuu irra darbee biyyaallee miidhuu waan danda’uuf akka dhaabbatu beeksisa.

    Rakkoon oomishaa fi oomishtummaa jimaa mudataa jiran furuuf akkuma seektara qonnaa birootti deeggarsafi xiyyeefannoo mootummaa akka argatu ni hubachiifna.

    Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)
    Finfinnee, Oromiyaa
    Waxabajii 10, 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *