Itoophiyaa keessatti “yakki waraanaa fi yakki namoomaa raawwatameera jedhanii amanuuf sababa amansiisoo jira jedhan qorattooti UN

Itoophiyaa keessatti “yakki waraanaa fi yakki namoomaa raawwatameera jedhanii amanuuf sababa amansiisoo jira jedhan qorattooti UN

(SQ-Fulbaana 20,2022)

Komishiniin Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil addunyaa Itoophiyaa irratti xiyyeeffatu gabaasa argannoowwan jalqabaa isaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiheesseen, “sarbamni, kan akka ajjeechaa seeraan ala, gudeeddii, miidhaa saalaa, fi ummata nagayaa akka mala waraanaatti beelessuun Sadaasa 3, 2020 irraa eegalee Itoophiyaa keessatti raawwatamaa turuu isaaf wantootni amansiisoo ta’an jiraachu” akkasumas, “haalota baay’een, sarbamni kun yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti raawwatame ta’uu isaa amanuuf sababoonni madaalawaa ta’an” akka turan ibseera.

Kana malees, Komishinichi xumura yaada “mootummaan Federaalaa fi mootummoonni naannolee michuu ta’an, eegumsa fayyaa, gaaddisa, bishaan, barnoota fi nyaata dabalatee, meeshaalee fi tajaajiloota lubbuun jiraachuuf barbaachisoo ta’an uummata Tigraay irraa toftaan mulquuf tarkaanfiiwwan bal’aa ta’an fudhataniiru jedhanii amanuu kan dandeessisu argachuu” ibseera.

Caalaatti kan nama yaaddeessu ammoo waraanni Tigraay keessatti adeemsifamaa jiru deebi’ee eegaluun isaa balaa yakka hammeenyaa dabalataa fiduun Itoophiyaa rakkoo hamaa keessa galcha jechuun akeekkachiise Komishinichi.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *