Uummata Wallaggaaf Sagalee taan

(Uummata Wallaggaaf Sagalee taana)

Ajj**eechaa sukkanneessaan uummata Oromoo Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagaa Bahaa keessatti gaggeeffamaa jira. Uummatni qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqa’eera. Kanneen wareegaman awwaalcha hin arganne. Sagalee uummata kanaa miidiyaalee addunyaa biraan gahuuf wal tahuu barbaachisa. Kana qooda keenya bahuuf badhaasa kaardii abbaa 1000ETB hanga 400ETB nama sadiif qopheessinee jirra. Kayyoon dorgommii kanaa uummata Horroo Guduruu Wallaggaaf sagalee tahuu dha. Akkaataan dorgommichaas akka armaan gadiiti.

1. Maxxansa kana jalqaba share gochuun dorgommichi jalqabama.

2. Comment box keessatti barreeffama armaan gadii waraabbii keessa keenye COPY gochuun PASTE gootu. Miidiyaalee fi dhaabbiilee mirga namummaa eeraman MENTION gochuun hiriyyootni keessan maxxansuma keessan COPY gochuun Reply keessatti PASTE godhu. Fakkeenya isaa comment box jala keenyee jirra. Kan namoota baayyee copy paste goosise injifataa taha. Hub: Mention tahuu kanneen qaban gurraacha’uu qabu. Kanaan ala ”@” jalqaba barreessuun miidiyaalee fi dhaabbiilee mirgoota namummaa barreessuu jalqabnaan ni gurraacha’a.

Barreeffamichi kunooti.

“Justice for innocent people being massacred in Wollega, West Oromia! No network service in Horro Guduru Wollega, Buno Bedele and others. Civilians are under attack.

Human Rights Watch
BBC World Service
U.S. Embassy Addis AbabaU.S. Embassy Addis Ababa
FRANCE 24
BBC
BBC America
CGTN America
#america
#StopGenocide
#bbcnews
#disarmfanomilitants
#voiceforvoiceless”

Nagaa Lammiilee Oromiyaaf❗️

Walooma❗️

Hub: Yoo mention gochuun isinitti ulfaate maxxansuma kana share gochuun miidiyaalee kanaa fi dhaabbiilee mirgoota namummaa, Imbaasii Amerikaa biraan akka gahu nu gargaaraa. Wal taanee uummata sagalee dhabeef sagalee haa taanu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *