Xoophiya keessatti gatiin zayiitaa Nyaataa dachaan dabaluun yaaddoo guddaa uume.

Xoophiya keessatti gatiin zayiitaa Nyaataa dachaan dabaluun yaaddoo guddaa uume.

(SQ-Bitootessa 7,2022)

Xoophiyaa keessatti sababa waraanaan walqabatee dinagdeen biyyattii erga burkutaa’ee waggoonni darbanii jiru.

Sababa kanaan qaala’insii jireenya guyya guyyaan dabalaa deemuun yaaddoo uummata biyyatti erga ta’e bubuleera waantonni bu’uura dhala namaaf barbachiisan kanneen akka nyaata, uffata fi mana jireenya ammoo akka malee dabaluun jireenya uummata biyyatti gaaffii keessa galcheera.

Tibba kana ammoo kan durii caalaa gatiin gurgurtaan zayita nyaataa dachaan dabaluun uummata dallansiisee jiraachuu odeeffannera.

Uummanii biyyattii Sababa hongeefi waraanaan qe’eef qabeenya isaa irraa buqqa’ee harka namaa osoo eeggatuu zayiitiin nyaataa ammoo dachaan qaala’uun isaa hedduu akka yaaddesse uummanni biyyatti gungumaa jiraachuu tajjabneerra .

Gatiin Zaayiitaa abbaa Letira 5 kan dur qarshii Xoopiyaa 550-650 giddu ture tibba kana Qarshii 1000fi isaa olitti gurgurama jira. Inniyyu gatii sanaan gabaarra dhibuun ammoo yaaddoo kan biraa dabaleera.

Biyyattii keessatti jiraachuun akka malee ulfaataa ta’aa dhufeera. Mootummaan Bilxginnaa kufaatii karaa Siyaasa ,Diigndee, fi Dipiloomasiin isaa mudate keessaa ba’uu dhadhabuun gabaa biyyatti to’achuu hin dandeenye.

Mootummaan Bilxiginnaa sarbamiinsa mirga namoomaa gama maraan uummata irratti raawwachaa jiruuf gaafatama jala hin ba’u.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *