Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Gamtaan Afrikaa akka WBO fi Mootummaa walitti araarsu gaafatan.
Oromiyaa irraa miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa kan ta’an xalayaa har’a (Bitootessa 20/2023) Gamtaa Afrikaatti barreessaniin, gamtichi WBO fi mootummaa gidduu seenee akka araarsuuf gaafataniiru.
“Gamtichi lola waggaa afur ture kan lubbuu namoota hedduu galaafate salphisee ilaaluunsaa nu gaddisiiseera” jedhu miseensonni mana maree kun.
“Araarri Tigiraayitti ta’e Oromiyaattis akka ta’u barbaanna; kanaafuu, Gamtaan Afrikaa gidduu seenee akka walitti araarsuufi nageenyi akka jiraatu barbaanna” jedha xalayaan fuula tokko qabu kan miseensota mana maree bakka bu’oota uummataa Oromiyaarraa bakka bu’anii kun.
Miseensonni paarlaamaa qaamaan waajjira Gamtaa Afrikaatti argamuudhaan xalayaa kan galchan kun ‘humnoota hidhatanii Oromiyaa keessa socho’aniif’ karaa mootummaatiin akka nagaadhaan galaniif waamichi dhiyaachuufii eeranii, gama lachuurraa koreen dhaabbatee Gamtaan Afrikaammoo akka qaama araarsituutti gidduu seenee araara akka buusudha kan gaafatan. “Magaalaa Finfinnees ta’e bakka biraatti mariin akka geggeeffamu barbaanna” jedhaniiru.
Karaa biraatiin akka odeeffannoon arganne ibsutti, mootummaan aangoorra jiru humna waraanaa leenjisee Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaatanii akka galaniif hidhannoo hidhachiisee akka bobbaase ibsamaa jira.