Heerri naannolee akka jijjiiramuuf gaaffiin dhiyaate!
(SQ-Bitootessa 7,2022)
Warreen mirga sabootaa fi sablammootaa mulquuf barbaadan heera balleessuu irratti xiyyeeffatanii hojjatu.
Tumaaleen heeraa, heera mootummaa naannolee yeroo ammaa hojiirra jiranii haqamuun jijjiiramuu akka qaban Komishinii Qulqulleessituu Dhimmoota heeraatiif gaaffiin dhiyaatuu isaa gaazexaan Reporter kaleessa Bitootessa 6,2022 gabaasee jira.
Heera naannolee kana jijjiiruuf akka Sababaatti kan dhiyaate ammoo “tumaaleen heera mootummaa Naannolee keessatti tumaman mirga Sabaa fi sablammoota naannoolee keessa jiraatanii hin kabachiisan” kan jedhu tahu gabaasa Reporter kana keessatti tuqamee jira.
Gaaffii kanas Komishinii Qulqulleessituu Dhimmoota Heeraaf kan dhiyeesse dhaabbata ‘Ye Higgi Balemuyaawoch Le Sebawi Mebti’ jedhamu akka ta’e ibsameera.
Dhaabbanni kun humnoota Finxaaleyyii maqaa tokkummaa biyyaatiin daldalaniin kan guutame, akkasumas jibba Sabaa fi sablammootaa kan qabuu fi heera biyyattii illee akka jijjiiramuuf qaamota hojjetaa jiran kessaa tokko tahuun barameera.
Heerri naannolee akka jijjiiramuuf gaaffiin karaa dhaabbata kanaatiin irratti dhiyaate ammoo naannoo Oromiyaa, Affaar, Somaalee, Hararii, Sidaamaa, Gambellaaa, Beenishaangul Gumuz fi Naannoo Ummattota Kibbaa tahuu gabaasa gaazexaa Reporter kanarraa hubachuun danda’ameera.
Dhaabbanni kun “tumaaleen heerota naannolee kanneen keessatti tumaman hirmaannaa siyaasaa saboota biroo kan daangessanii dha” jechuun gaaffii kana kaasuutu beekame.
Tahus, dhaabbatichi heera naannolee Amaaraa fi Tigraay irratti gaaffii kan hin kaasne yoo tahu, kunis eenyummaa fi fedhii humnoota kanaa ifatti kan agarsiisuudha jedhameera.
Abiyyi Ahimad tumsa humnoota Finxaaleyyii Amaaraa wajjiin tolfateen heera mootummaa yeroo ammaa hojiirra jiru diiguu dabalatee heerri naannolees akkaataa fedhii qaamolee Finxaaleyyii maqaa tokkummaatin daldalanii kanaan akka fooyya’u hojjetaa turuun isaa gabaafamaa ture.