Itoophiyaan abidda ofii qabsiifteen gubataa jirti!

Itoophiyaan abidda ofii qabsiifteen gubataa jirti!

Sagalee Qeerroo Amajji 24/2023

Itoophiyaan gaafa fedhii sabootaan alatti eenyummaa sabootaa ukkaamsitee humna qawwee fi gaaddisa amantaan ijaaramte abidda har’a ittiin gubataa jirtu kana qopheeffatte. Gaafa namoota gaaffii sabaa kaasan, namoota walqixxummaaf falman nyaatte abiddicha qabsiifte.

Gaafa Wallaalliny Mokonnonfaa “gaaffiin sabaa deebii argachuu qaba; sabni akka sabaatti sababa eenyummaasaa, sababa aadaasaa, sababa afaansaa hacuucamaa jira” jedhanii gaaffii kaasan Itoophiyaan garuu gaaffii kanaaf deebii barbaaduurra ajjeesuufi dhabamsiisuu filatte.

Warraaqsa barattoonni Oromoo kan akka Baaroo Tumsaa, Hayilee Fidaa, Muhee Abdoo…dhoosan haga har’aatti Itoophiyaa boqonnaa dhorkee abiddichaan ishee karkarsaa jira.

Waan nama ajaa’ibu garuu, Itoophiyaan abidda ittiin gubattu kana dhaamsuurra ofitti cimsuu filatte. Abidda Itoophiyaan ittiin gubattu kana kan qoraaniifi boba’aa itti guuru Itoophiyaanotuma mataa isaaniiti. Bulchitoota Itoophiyaa, hayyoota Itoophiyaa, geggeessitoota amantii Itoophiyaa, walumaagalatti ‘nuti Itoophiyaanota’ warra of jedhantu qoraaniifi boba’aa Itoophiyaan ittiin gubattu itti naqaa oola.

Itoophiyaan dachee abaarsaa, dachee dheekkamsaafi dhiigaa akka taatu kan godhe mootota Itoophiyaati.

Itoophiyaan walqixxummaa jibbitee gubattee baduu filatte.

Hayilesillaaseen gaaffii barattootaafi gaaffii qote bultootaaf deebii barbaachisu kennuu dhiisee tarkaanfii gara jabinaatti gaafa seenu Itoophiyaan abidda ofitti qabsoofte ofitti ho’iste. Dargiin gaaffii jedhame kabeebsaan deebisuu yaalee hayyoota gaafficha burqisiisan lafarraa haxaa’uun fi duula irratti banuun abidda Itoophiyaa gubutti qoraan kan biraa dabalee ho’ise. EPRDF waadaa haalee olaantummaaf jedhee ‘gaaffii sabootaa anatu deebisa’ jedhee of tuuluufi qabsaa’ota Qabsoo Bilisummaa geggeessan irratti lola banee ajjeechaa fi dhabamsiisuu raawwachuun qoraan kan biraa Itoophiyaa gubu itti dabale. PPn ammoo abidda qoraan hedduun gabbate kanatti boba’aa dabalataa itti dabaluu gaafa barbaadu Adda Bilisummaa Oromoo irratti duula banee, waadaa haalee, warra gumaan irra jiru michoomfatee kallattii hundaan Oromiyaa irratti lola bane.

Egaa, inni ammaa kun abidda isa dhumaa kan Itoophiyaa daaraa godhee seenaa taasisu ta’a. Yeroo kuni ta’u Oromiyaafi saboonni cunqurfamoon kaan nagaa waaraa argatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *