Mana hidhaa Burraayyuurra!

Mana hidhaa Burraayyuurra!

Qondaali ABO Dr Gadaa Oljirraa mana hidhaa Buraayyuutti baay’ee dhukkubsachuun yaalaa dhorkamuun dhaga’ame.

(SQ-Amajjii 24,2023)

Waggaa sadii oliif badii tokko malee manneen hidha mootummaa paartii Bilxiginnaa keessatti dararaa olaanaa arga kan jiru Qondaalli ABO Dr. Gadaa Oljirraa tibba kana baay’ee dhukkubsachuun yaala dhorkamanii jiraachuu odeesi SQ qaqqabe ifa godha.

Dr. Gadaan waggaa 4 dura miidhama irra ga’een Opireeshiinii ta’uun qaama isaanii keessa sibiilli kan gale yoo ta’u osoo sibila sana qaama isaanii keessaa hin baafatiin tika murna Bilxiginnaan qabamuun hidhaatti kan darbataman yoo ta’u yeroo ammaa kana dhibeen sun itti hammaachuun baayee dhukkubsatanii jiru jedhameera.

Dr. Gadaa Oljjirraa Sibiila qaama isaanii keessa jiru baafachuuf bulchiinsa mana hidhaa Buraayyuu yoo gaafatan manni hidhaa akka isaan hin yaalamne dhorkuun rakkoo guddaa keessa jiraachuun beekame.

Dr. Gadaa Oljjirraa dabalatee hoggantootni fi qondaloonni olaanoon ABO badii tokko malee qabamuun waggoota sadii oliif mana hidhaa Bilxiginnaa keessatti dararaa ulfaata keessummeessu irratti argamu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *