Waldaan Maccaa fi Tuulamaa adeemsa daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee sararuu jechuun deemame morme.

Waldaan Maccaa fi Tuulamaa adeemsa daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee sararuu jechuun deemame morme.

(SQ-Onkoloolessa 15,2022)

Waldichi ibsa baaseen bu’uura Heera biyyattiitiin Finfinneen Giddugaleessa Oromiyaati, Bu’uura Waliigaltee bara 1986 tiinis bal’inni lafa magaalaa Finfinnee Hektaara kuma 22 ta’uu eeree, daangaan bulchiinsaa Finfinnee bakka bara 1986 dura tureetti deebi’ee beekamuu qaba jedhe.

“Qabiyyeen lafaa Finfinneen bara 1995 as weeraraan qabattee ijaarsa garaagaraa irratti raawwatte Bulchiinsa Oromiyaa jalatti deebi’uu qaba, akkuma magaalota Oromiyaa biroo bulchiinsi isaaniis Oromiyaa jalatti tahuu qaba” jedhe Waldaan Maccaa fi Tuulamaa.

Kana malees magaalaa Finfinnee keessatti akkuma magaalota Oromiyaa biroo, hojiileen abbummaa Ummanni Oromoo magaalattii irratti qabu mul’isan hojjetamuu akka qaban hubachiiseera.

Hundaa’uu magaalattiirraa eegalee isaan daangaa Finfinnee keessaa fi alaa sababa babal’ina magaalattiitiin qe’ee isaaniirraa buqqaafanii fi qabiyyee isaanii itti dhabaniif of duuba deebi’uun qorannoon barbaachisu taasifamee, beenyaan gahaan isaaniif malu kaffalamuufii akka qabus gaafateera.

Waldaan Maccaa fi Tuulamaa kaayyoonsaa tokkummaa fi misooma Oromoo cimsuu ta’uu hubachiisuun, kaayyoo kana hojiitti hiikuuf ammoo Finfinnee keessatti hundeeffamee lafa Finfinnee falma jedhe.

Waldichi shira abbummaa Oromoon Finfinnee irratti qabu dhabsiisuuf yeroo garaagaraatti taasifamaa turan adda durummaan dura dhaabbachuun falmaa turuu yaadachiisuun, adeemsonni abbummaa Oromoon Finfinnee irratti qabu dhabsiisuu fi gara dabarsuu kaayyeffatan ammas bifa garaagaraan itti fufaniiru, ni mormina jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *