Itoophiyaan carraa AGOA keessaa bahuun Keeniyaaf carraa bal’aa bane.
(SQ-Caamsaa 26,2022)
Itoophiyaan sagantaa AGOA keessaa ari’amuu isheetiin Keeniyaan carraa gabaa AGOA irraa bu’aa dabalataa Shilingii Biliyoona 10 ( Dolaara Mil. 86) argatte jedha gabaasi Gaazexaa Istaandard Miidiyaa.
Akka gabaasa kanatti Keeniyaaf kootaa Itoophiyaatu dabarfamee kennameef. Galiin Keeniyaan bara dabre gabaa kanarraa argatte Shilingii biliyoona 60 hin caalu jedhame.
Itoophiyaan carraa gabaa Ameerikaa kan ashuuraa malee biyyoonni oomisha itti dhiyeeffatan kana keessaa kan ari’amteef sababa mootummaan biyyattii mirga namoomaa walirraa hin cinne raawwachaa jiruufi.
Waraana gaaga’ama guddaa Itoophiyaatti dhaqqabsiise hordofee tarkaanfii bulchiinsi Joo Baaydan mootummaa Itoophiyaa irratti qoqqobbii gosa hedduu kaawuun isaa ni yaadatama.
Qoqqobbiiwwan kanneen keessaa qoqqobbiin diingadee tokko yoo ta’u, carraan gabaa AGOA kan biyyootni oomisha isaanii Ashuuraa malee itti dhiyeeffatan tokko. Amajjii dabree kaasee Itoophiyaan carraa gabaa kanatti akka hin fayyadamne qoqqobamteeti.
Kana hordofee Keeniyaaf kootaan oomishaa kan Itoophiyaa dabarfamee kennameefii jira. Keeniyaan hiree kanaan bu’aa Dolaara miliyoona 86 jechuunis Shilingii biliyoona 10 fi miliyoona 200 argachuu gabaafameera.
Bara dabre Keeniyaan gabaa kanarraa bu’aan argatte Shilingii biyyattii biliyoona 60 hin caalu jedha odeessi gaazexaawwan biyyattii maxxansaa jiran. Bu’aan baramaa Shlingii biliyoona 50’n dabale jechaa dha.
Kanaanis Ameerikaan gabaa guddaa Keeniyaan oomishawwan itti dhiyeeffattu keessaa Yugaandaa fi Neezarlaanditti aanee 3ffaarratti akka argamu taasiseera.
Diinagdeen Ameerikaa damdamachuu hordofee oomishni Huccuu fi Kophee Keeniyaa gabaa Ameerikaatti barbaadamaa jiru.
Oomishni Itoophiyaa sababa waraanaa gabaa AGOA irraa ugguramuu kan ibsan barreessituun Kaabinee dhimmoota indaastiyaalaayizeeshinii, daldalaa fi misooma intarpraayizootaa Beetii Maaniyaa bara dhufu gabaa kanatti fayyadamuuf mariin jalqabuusaa himan.
Mootummaan Itoophiyaa oomishawwan gabaa kanaaf dhiyeessu parsantii 25’niin akka dabaluufuu carraan kennameefii ture jedhu.
Bara faranjootaa 2021 keessa bu’aan gabaa AGOA irraa biyyattiin argatte birri biliyoona 23 caala jedhu Aadde Maaniyaan.Oomishniif bu’aan biyyattiin carraa gabaa AGOA irraa argattu Bara Baraan dabalaatuma dhufe.