Dargaggoota ajjeefaman sadii keessaas lama obboloota tahuun beekameera.

Godina Shawaa bahaa aanaa dugdaa ganda baadiyyaa Birbirsa guddaa Saabolee jedhamutti waraanni mootummaa dargaggoota shan erga tohatee sadii ajjeesuun lama miidhaa gudddaa irraan ga’eera.

Waraanni mootummaa haala sukkanneessaan ama too’annaa seeraa harka jiru, seeran ala harka duubatti hidhanii ajjeesun, itti fufee jira.

Akka gabaasaaleen nu qaqqaban mul’isanitti godina Shawaa bahaa aanaa dugdaa ganda baadiyyaa Birbirsa guddaa Saabolee jedhamutti dargaggoota kanneen waraanni mootummaa haala argitan kanaan erga dararee booda haala sukkanneessaa ta’een 3 rasshanee jira.

Tibbana godina Qeellam wallaggaa fi shaggar lixaa keessatti ijoollee kichuu irratti fuulleffatanii Oromoo qe’ee isaatti qaccee duguugaa jiru. Suuraa armaan gadii irra warra jiran keessaa sadi ajjeefamanii, lama garmalee madaa’anii du’aafi jiru gidduutti argamu.
Oromoon ajjeechaa bifa haaraawaan gaggeefamaa jiru kana sagalee jabaadhan balaleeffatuu qaba!
Dargaggoota ajjeefaman sadii keessaas lama obboloota tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *