(SQ-Caamsaa 26,2022)
Sababa rakkoo nageenyaatiin qaala’iinsi jireenya biyyattii akka malee dabaluun, uummanni waan nyaatee bulu dhabaa jira. sababa kanaan hanni kallattii adda addaan biyyatti keessatti babalaachun uummanni biyyattii rakkoo hamaa keessa jira. Haa ta’u malee kaadiroonni mootummaa Bilxiginnaa rakkoo uummata biyyattiif furmaata barbaadu mannaa qaamota kaan waliin yeroo garaa garaatti saamicha bu’uraalee misoomaa irratti yeroo raawwatan ni argama.
Haaluma kanaan magaalaa finfinneetti Bu’uuralee Misooma baaburaarratti sababa hannan kisaaraan birrii miiliyoona 26’tti tilamamamu gahuu,Hojii gaggeessaan dhiyeessii anniisa Elektiriikaa Baaburaa Salphaa Finfinnee Obbo Bultumaa Qixxaataa beeksisaniiru.
Obbo Bultuman akka jedhanitti, saamicha ykn hanna, Keebilii daddabarsa elektirikii baabura salphaa magaalaa Finfinneerratti raawwatamaa jiruun dhimmi baabura biyyattii sadarkaa yaadeessa irra jiraachuu himu.
Yakki kunis harki caalaan kutaa magaalaa Qirqoos, Nifaas Silk Laaftoo, Eekkaa, Lidataa, Aqaaqii Qaalittiifi lammii Kuraatti ta’us dubbatu.
Mootummaan Bilxiginnaa hanna bu’uraalee misoomaa garaa garaa fi qabeenya uummataa irratti raawwatamaa jiru osoo hin to’atin, rakkoo nageenya biyyattii mudachaa jiru nan fura jechuun badii, isaafi qaama isaatiin raawwatamaa jiraniif da’annoo tolfachuudha jedhu uummanni.
Kutaalee Oromiyaa garaa garaattis hanni wal fakkaataan qaama mootummaafi kaanis qabeenya uummataa irratti geggeeffamaa akka jiru, yeroo adda addaatti gabaasaa turreerra.