Waraanni Bilxiginnaa Arsiifi Shaggar Lixaatti ilmaan keessantu Bosona jira jechuun Abbootiifi Haadholii hedduu hidhan.
(SQ-Ebla 3,2022)
Waraanni Bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota garaa garaatti ilmaan keessantu bosona jiran fidaa jechuun maatii qabsa’ota hidhuu fi qabeenya isaanii saamaa turuufi jiraachuu gabaasa jiraachun keenya ni yaadatama.
Tibba kanas Godina Arsii Aanaa Zuwaayi Dugdaa Gandoota akka Burqaa lammaffoo fi Ulaa Arbaatti ilmaan keessantu waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira fidaa jechuun waraanni Bilxginnaa Harmootii fi Abbootii hedduu mana hidhaatti dararaa jiraachuu maddeen SQtti himan.
Haaluma kanaan Bitootessa 19/2014 ALI Namoota hedduu Aanaa Zuwaay Dugdaa Gandoota akka Burqaa Lammaffoo fi Ulaa Arba irra qabuun Waajjira Poolisii aanaa Zuwaayi Dugdaatti hidhuun dararaa hamaa irraan ga’a jirus jedhu.
Isaan keessq Namooti maqaan isaanii nuqaqqabe muraasi.
Aadde Caaltuu Gandoo Daa’ima Baatii shanii wajiin hidhamanii jiru
Aadde Rahiimaa Buusarii Daa’ima Baatii 5 waliin hidhamaniis jiru
Aadde Gimmitee Tafarraa.
Aadde Madiinaa Badhaasoo.
Obbo Hambassuu Korbuu
Obbo Waadoo Haaji Anaan
Obbo Jamaal Haajii Baashaa
Obbo Abdurroo Bashiir.
Obbo Abunaa Buusarii kanneen jedhaman kan maqaan isaanii nu qaqqabee yoo ta’u badii qabatanii osoo hin taane ijoollee keessanii fi firoota keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun dararaa hamaa iraan ga’aa jiru jedhu maddeen .
Oduuma walfakkaatun Godina Shaggar Lixaa Ona Liiban Jaawwiitti Ijoollee keessantu Bosona jira jechuun maatii qabsaa’ota heddu hidhun dararaa jiraachuu maddeen SQtti himan.
Namoonni Ona Liiban Jaawaitti hidhamani jira kan maqaan nu qaqqabee.
Obbo Eliyaas Tolasaa
Obbo Waaqoo Tolasaa
Obbo Masfin Tolasaa
Obbo Baaqqaluu Xaafaa
Obbo Girmaa Nigaatu fi
Obbo Ayyaaloo Barsiisaa kanneen jedhaman kan maqaan isaanii nuqaqqabeedha.
Waraanni Bilxginnaa Oromiyaa guutuutti maqaa Oppiraashinii Farra riphee lolaa jedhun waraana labsuun maatii qabsaa’ota dabaltee uummataa Oromoo irra dararaa gudda geesisa kan jiruudha.