IBSA ABO HAALA HONGEE UMMATA KEENYA BOORANAA ILAALCHISEE

๐๐š๐š๐ฆ๐จ๐ฅ๐ž๐ž๐ง ๐ƒ๐ก๐š๐š๐›๐›๐š๐ญ๐š ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐†๐š๐ฆ๐ญ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐๐จ๐จ๐๐š ๐…๐ฎ๐๐ก๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐ข ๐ˆ๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ฎ ๐Œ๐š๐ซ๐ญ๐ข, ๐๐š๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐๐จ๐จ๐ซ๐š๐ง๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐†๐ฎ๐ฃ๐ข๐ข ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‹๐ฎ๐›๐›๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐๐š๐ซ๐š๐š๐ซ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐€๐ค๐ค๐š ๐ƒ๐ข๐ซ๐ฆ๐š๐ญ๐š๐ง ๐€๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐–๐š๐š๐ฆ๐ข๐œ๐ก๐š ๐“๐š๐š๐ฌ๐ข๐ฌ๐š

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo rakkoon harโ€™a akkanatti hammaate sadarkaa kana irra osoo hin gaโ€™in dura Qaamoleen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Qooda Fudhattoonni Dhimmi Ilaallatu biroon tarkaanfii barbaachisaa taโ€™e akka fudhataniif daddeebiโ€™ee waamicha gochaa ture. Jiโ€™a Onkoloolessaa bara 2021 keessa ongeen Kibba Oromiyaa balaawwan hammaatoo jireenya dhala namaa keessaa tokko akka taโ€™u ibsinee turre.

Dhugaa dubbachuuf yoo taโ€™e dararama dhala namaa godina kanaa fi godinaalee ollaa Gujii keessatti mudachaa jiru dandamachuun ulfaataa dha. Dararama haadholii, jaarsolii, daaโ€™immanii fi dhumaatii horii akkanatti arguun laphee nama cabsa. Horiin madda jireenya ummata naannichaa taโ€™an akkanatti dhumanii dirree irratti faffacaโ€™anii jiru. Bishaanii fi nyaati horii hin jiru.

Hongeen qaama balaa jijjiirama naannoo fi qilleensaan wal qabatu keessaa tokko yoo taโ€™e iyyuu, rakkoon ammaa kun waraana, sochii hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdeetiin daran hammaatee jira. Keessumaa immoo kufaatii mootummaa ifatti kan agarsiisuu dha.

Mootummaan tasgabbaโ€™aa fi itti gaafatamummaan itti dhagaโ€™amu rakkoolee balaa akkanaatiin wal qabatanii dhufan salphaatti toโ€™achuu dandaโ€™a. Sirna akeekkachiiftuu duraa fi maloota toโ€™annoo balaa, buโ€™a qabeeyyii taโ€™an diriirsuudhaan gaagaโ€™ama hongeen kun lubbuu dhala namaa, dinagdee fi hawaasummaa irraan gaโ€™aa jiru xiqqeessuu fi toโ€™achuun ni dandaโ€™ama ture. Haa taโ€™u malee mootummaan waraana matuma isaatiin Tigiraayii fi Oromiyaa keessatti uumeen qabamee waan turee fi jiruuf, dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee akkanaatiif xiyyeeffannoo hin kennine. Balaa hongee haaluu fi irraa baqachuun amala mootummoonni Itoophiyaa dhufaa darbaa ittiin beekamanii dha.

Gargaarsi namoomaa qaamolee dhimmi ilaallatuun ummata balaa hamtuu jalatti argamuuf taasifamaa jirus saffisa kan hin qabne, buโ€™a qabeessa kan hin taane, boodatti kan harkifatee fi baayโ€™ee xiqqaa dha. Qindoomina dhabuun ammoo gufuu ijoo rakkoo kanaa ti.

Yeroo ammaa kanatti dirmannaa fi gargaarsi ummata Oromoo baadiyaa irraa eegalee hanga sadarkaa idil-addunyaatti gochaa jiru abdii kan namatti horuu fi nama jajjabeessuu dha. Tokkummaan ummata keenyaa warra rakkoo fi balaa hongee jala jiraniif abdii fi jajjabina guddaa taโ€™ee jira. Qaamolee waan dandeessaniin tumsa gootan mara ABOn isin galateeffata. Akkasumas dhaabbileen miti-mootummaa, gaggeessitoonni hawaasaa fi qaamoleen mirga dhala namaaf falman sadarkaa hammaataa balaan kun irra gaโ€™ee jiru qalbifachuudhaan deggersa sadarkaa balichaan wal simu argamsiisuuf tattaaffii barbaachisaa akka gootan dhaammanna.

Dhuma irratti, hawaasi idil-addunyaa akkuma ammaan duraa harka keessan akka nuuf diriirsitan iyyanna. Balaa sadarkaa baayโ€™ee hammaataa irra gaโ€™e tumsa namoota dhuunfaa fi hawaasaa qofaan toโ€™achuun ni ulfaata. Lubbuu namootaa baraaruudhaaf qindoominni, qabeenyaa fi tarkaanfileen dabalataa argamuu qabu.

Qaamoleen dhimmi ilaallatuu fi itti gaafatamummaa qaban Baha Afrikaatti bakkoota balaan akkanaa deddeebiโ€™ee mulโ€™atutti rakkinicha yeroodhaaf dhabamsiisuu qofa osoo hin taane, hidda rakkinichaa buqqisuudhaaf furmaata waaraa barbaaduu fi diriirsuun barbaachisaa dha jenna.

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 27/2023
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *