Waggaa Lammaffaa Ajjeefamuu Artisti Keenya Jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaa Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Adda Bilisummaa Oromoo!
Waxabajjii 29, 2022
Faajjii Qabsoo Bilissumma fi Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan ta’e Artisti keenya jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaa Waxabajji 29, 2020 gara jabina hamaadhaan ajjeefamee jira. Kunis nama mara rifaasisee.
Dargaggoonni ajjeechaa Artisti Hacaaluu Hundeessaa balaaleffachuun gaddaa fi mormii qaban ibsachuudhaaf ba’anis haala suukanneessaadhaan ajjeefamanii jiru. Kunis xiqqaannaan firoonni isaa fuuldura ulaa mana jireenyaa maatii Hacaaluu Magaalaa Ambootti argamu bakka namoonni gadda ta’anii jiranitti firoottan isaa haala suukanneessaadhaan ajjeesanii jiru.
Itti aansuudhaanis ooggantoota siyaasaa oromoo, qondaaltota, miseensotaa fi deggertoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo mana hidhaatti guuruudhaan tarkaanfii hiika hin qabne fudhatanii jiru. Kanumaan walqabatee Hogganootni ABO hanga har’aatti mana hidhaa keessatti dararamaa jiru. Namni tokko hanga manni murtii yakkamaa ta’uusaa mirkaneessutti yakkarraa walaba akka ta’e seeraan tumamee kan jiru yoo ta’eyyuu, tumaa seeraa kana cabsuudhaan himannaa fi maqa balleessiin bu’uura seeraa hin qabne hidhamtoota kanneen irratti oofamaa ture.
Yaadannoo Waggaa lammaffaa ajjeefamuu Artisti keenya jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaa wayita yaadannu lapheen keenya gaddaan cabee ti. Garuu ammoo Arstistoota Oromoo mootummoota dhufaa darbaa impaayera Itoophiyaatiin ajjeefaman, achi buuteen isaanii dhabamsiifamee fi dararaan dhala namaaf hin malle miira jagnummaatiin yaadanna.
Artistoonni Oromoo kanneen akka Abdullaahi Arsii, Ayyub Abubakar, Abubakar Musaa, Musxafaa Abdii (Harawwee), Ahimad Keebiraa, Ayyantuu Booranaa, Himee Yusuuf, Kuulanii Booruu, Sabboontuu Baareentoo, Boonsisoo Caalaa, Hordofaa Baarentoo, Jireenyaa Ayyaanaa, Eebbisaa Addunyaa, Xannaa Wayyeessaa, Usumaayyoo Muusaa, Abdii Qophee, Baahiluu Girmaa, Zeenuu Mokonnin, Yoseef Gammachuu, Maaramee Harqaasaa, Daadhii Galaan, Cawwaaqaa Yaaddessaa fi Oftaanaa Tarreessaa (Barreessaa) hacuuccaa fi cunqursaa uummata Oromoorratti raawwatamuuf sagalee waan taa’aniif dhugaadhaaf waan dhaabbataniif qofa ajjeefamanii jiru.
Ajjeechaan Hacaaluu irratti raawwatames gocha gara jabinaa murnoonni impaayera Itoophiyaa bulchan dhufaa darbaan ilmaan qaroo ta’an irratti raawwatan irraa itti fufe dha. Gochi hammeenyaa fi gara jabinaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamu kun kan dhaabatu yoo jabaannee qabsoofne qofa ta’uu isaa Qeerroo fi Qarree Oromoo yaadachiisuu barbaanna.
Ajjeechaan Hacaaluu fi deggertoota isaa, dargaggoota gocha kana balaaleffatanii fi miseensoota maatii isaa irratti raawwatame hanga har’aatti haala iftoomina qabuu fi qaama walaba ta’een hin qoratamne. Ajjeechaan haala suukanneessaadhaan raawwatame kun sirnaan qoratamuu fi uwwisa seeraa dhabuun isaa hedduu keessa keenya dhukkubsa.
Maatiin Hacaaluu, Ijoollee isaa, Haadha warraa, hiriyyoota, firootaa fi uummanni Oromoo bal’aan haqni Hacaaluu akka ba’u barbaadu. Waan kana ta’eef ajjeechaan Hacaaluu irratti raawwatame qaama walaba ta’een qoratamee uwwisa seeraa barbaachisaa akka argatuuf gaafachuu itti fufna.
Injifannoo Uummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 29, 2022