Manni Murtii Bilxiginnaa Miseensa Gumii Saba ABO jaal Amaan Filee irratti murtii dabaa waggaa 10 dabarsuun dhaga’ame.

Manni Murtii Bilxiginnaa Miseensa Gumii Saba ABO jaal Amaan Filee irratti murtii dabaa waggaa 10 dabarsuun dhaga’ame.

(SQ-Waxabajjii 30,2022)

Miseensa Gumii sabaa ABO kan ta’an jaal Amaan Filee jireenya isaanii guutuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu kesssatti dabarsan yoo ta’u walii galtee fakkeessaa bara 2018 ABO’n, Mootummaa EPRDF waliin taasiseen qabsoo karaa nagahaa ummata isaanii keessatti gaggeesuuf ABO waliin Oromiyaatti galanii osoo hojjataa jiranii Waggaa lama dura Sadaasa, 2020 Hoggaanna ABO jaal Abdii Raggaasaa mana hidhatti gaafachuuf deemani magaalaa Buraayyuutti qabamun hidhaman. Achiis mana hidha Godina Boorana achiira mmoo gara mana hidha magaalaa Shaashaamanneetti hidhun dararaa jiru.

Haaluma kanaan Miseensi Gumii Sabaa ABO jaal Amaan Filee Waxabajjii 30, 2022 dhaddacha irratti dhihaachuun himata fakkeessii yeroo dirree qabsoo irra turtee hoggannoota mootummaa EPRDF ajjeeffte,fi kkf jedhu itti banuun Manni murtii Bilxiginnaa murtoo dabaa Waggoota kudhani irratti murteessee jiraachuu maddeen SQ nuuf himan.

Murtoon Miseensota,Qondaalotaa fi Hoogganoota ABO murtoo siyaasaati malee murtoo seeraa miti; badii balleessanii hidhamanii dararamaa jiru osoo hin taane ejjannoo isaanii qofaaf, hiraarfamaa jiru.

Mootummaan Bilxiginnaa Badii tokko malee Qondaalota ABO, miseensota fi Deeggartoota ABO hidhuun hiraarsuu akkuma itti fufetti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *